< Faarfannaa 118 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata. 2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu. 3 Manni Aroonis, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu. 4 Warri Waaqayyoon sodaatan, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan. 5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise. 6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa? 7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. Anis diinota koo nan moʼadha. 8 Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya. 9 Qondaaltota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya. 10 Saboonni hundinuu na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 11 Isaan karaa hundaan na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; Waaqayyo garuu na gargaare. 14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera. 15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; “Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera! 16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!” 17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu; waan Waaqayyo hojjetes nan labsa. 18 Waaqayyo jabeessee na adabeera; garuu dabarsee duʼatti na hin kennine. 19 Karra qajeelummaa naa banaa; anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha. 20 Kun karra Waaqayyoo, kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha. 21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; ati fayyina naa taateerta. 22 Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; 23 Waaqayyo waan kana hojjeteera; kunis ija keenyatti dinqii dha. 24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas. 25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi. 26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna. 27 Waaqayyo Waaqa; ifa isaas nuu irratti ibseera. Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa. 28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa. 29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

< Faarfannaa 118 >