< Faarfannaa 114 >

1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti, 2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe. 3 Galaanni argee baqate; Yordaanosis duubatti deebiʼe; 4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan. 5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte? Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite? 6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu? 7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu; 8 inni kattaa gara harootti, kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.

< Faarfannaa 114 >