< Fakkeenya 13 >

1 Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu. 2 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata. 3 Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata. 4 Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. 5 Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. 6 Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata. 7 Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba. 8 Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. 9 Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama. 10 Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. 11 Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. 12 Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti. 13 Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata. 14 Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. 15 Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa. 16 Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa. 17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; ergamaan amanamaan garuu fayyina fida. 18 Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata. 19 Hawwiin guutame namatti miʼaawa; gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu. 20 Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama. 21 Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti. 22 Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama. 23 Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa. 24 Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba. 25 Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.

< Fakkeenya 13 >