< Fiiliphisiyuus 4 >

1 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!
NOLAILA hoi, e na hoahanau o'u i alohaia, a i makemake nui ia, o kuu olioli a me kuu leialii; pela e kupaa ai oukou iloko o ka Haku, e na mea i alohaia.
2 Ani akka isaan Gooftaadhaan yaada tokko qabaataniif Ewoodiyaanin nan kadhadha; Sinxiikeenis nan kadhadha.
Ke noi aku nei au ia Euodia, ke noi aku nei hoi au ia Sunetuke, i hookahi ko laua manao iloko o ka Haku.
3 Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha.
Ke noi aku nei hoi au ia oe kekahi, e ka hoalawehana io, e kokua aku oe ia mau wahine, i hooikaika pu me au ma ka euanelio, a me Kelemeneto hoi, a me o'u mau hoalawehana e ae, aia no maloko o ka buke ola ko lakou mau inoa.
4 Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
E hauoli mau oukou i ka Haku; ke olelo hou aku nei hoi au, e hauoli oukou.
5 Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.
I hoikeia hoi ko oukou akahai i na kanaka a pau. Ua kokoke mai ka Haku.
6 Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.
Mai manao nui oukou i kekahi mea; aka, i na mea a pau e hoike aku i ko oukou makemake i ke Akua ma ka pule, a me ka noi aku, a me ka hoomaikai aku.
7 Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.
A o ka maluhia o ke Akua, ka mea i oi aku i ko ke kanaka manao a pau, e hoomalu mai i ko oukou naau a me ko oukou manao ma o Kristo Iesu la.
8 Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Eia hoi e na hoahanau, o na mea oiaio, na mea maikai, na mea pono, na mea hala ole, na mea lokomaikai, na mea lono maikai ia; ina he mea kupono, ina hoi he mea e hoomaikaiia'i, e noonoo iho oukou ia mau mea.
9 Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa.
O na mea a oukou i aoia'i, i loaa hoi, i lohe a i ike hoi ia'u, o keia ka oukou e hana'i; a me oukou hoi ke Akua ka mea e malu ai.
10 Sababii isin dhuma irratti deebitanii naa yaaduu jalqabdaniif ani Gooftaatti baayʼee nan gammada. Dhugumaanuu carraa ittiin argisiiftan dhabdaniiti malee isin durumaanuu naa yaadaa turtan.
Ua olioli nui au i ka Haku, no ka mea, ua kupu hou mai ko oukou manao e kokua ia'u; malaila no oukou i manao ai, aka, aole a oukou mea e hiki ai.
11 Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.
Aole au i olelo pela no ka nele; no ka mea, ua aoia hoi au e oluolu iho i na mea a pau i loaa ia'u.
12 Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera.
Ua ike hoi au i ka noho ilihune, a me ka noho lako: i na wahi a pau, a i na mea a pau, ua aoia mai la au e noho maona a e noho pololi, e noho lako a e noho nele.
13 Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
E hiki no ia'u na mea a pau, ke kokua mai o Kristo ia'u.
14 Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture.
Aka hoi, ua hana pono mai oukou, i ko oukou manawalea ana mai ia'u i ko'u popilikia.
15 Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne.
E ko Pilipi, ua ike no oukou, i ka wa kinohou o ka euanelio, ia'u i haalele ai ia Makedonia, aole kekahi ekalesia e ae i launa mai ia'u i ka haawi ana a i ka lawe ana, o oukou wale no.
16 Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii.
No ka mea, a i Tesalouike hookahi a elua hoi o ko oukou hoouka ana mai i ka mea e pono ai kuu nele.
17 Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti.
Aole ka makana ka'u e imi nei; aka, ke imi nei au i ka hua e nui ai ko oukou pono.
18 Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha.
A ia'u na mea he nui, a ua lako hoi: ua piha au i ka oukou mau mea i loaa mai ma o Epaperodito la, he mea ala oluolu, he mohai hooluolu, i maliuia mai hoi e ke Akua.
19 Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.
Aka, e haawi mai ana ko'u Akua i na mea a pau e pono ai oukou, no kona waiwai i kahi nani ma o Kristo Iesu la.
20 Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
A i ke Akua ko kakou Makua ka hoonani mau loa ia i ke ao pau ole. Amene. (aiōn g165)
21 Kiristoos Yesuusiin qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Obboloonni na wajjin jiranis nagaa isinii dhaamu.
E uwe aku i na haipule a pau iloko o Kristo Iesu. Ke uwe aku nei na hoahanau me au ia oukou.
22 Qulqulloonni hundinuu, keessumattuu warri mana Qeesaarii jiraatan nagaa isinii dhaamu.
Ke uwe aku nei na haipule a pau ia oukou, o lakou hoi no na ohua o Kaisara.
23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
O ke aloha o ko kakou Haku o Iesu Kristo me oukou a pau. Amene.

< Fiiliphisiyuus 4 >