< Nahimiyaa 1 >

1 Dubbii Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa: Waggaa digdammaffaatti jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa utuu ani gamoo Suusaa keessa jiruu,
The words of Nehemiah the son of Hachaliah. And it came to pass in the month Chisleu, in the twentieth year, as I was in Shushan the palace,
2 obboloota koo keessaa Hanaaniin namoota biraa wajjin Yihuudaadhaa dhufe; anis waaʼee hambaa Yihuudoota boojuu jalaa baʼanii fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe.
That Hanani, one of my brethren, came, he and certain men of Judah; and I asked them concerning the Jews that had escaped, which were left of the captivity, and concerning Jerusalem.
3 Isaanis akkana naan jedhan; “Warri boojuudhaa deebiʼanii kutaa biyyaa kana keessa jiraatan rakkinaa fi salphina guddaa keessa jiru. Dallaan Yerusaalem diigamee karraawwan ishees ibiddaan gubamaniiru.”
And they said unto me, The remnant that are left of the captivity there in the province are in great affliction and reproach: the wall of Jerusalem also is broken down, and the gates thereof are burned with fire.
4 Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe.
And it came to pass, when I heard these words, that I sat down and wept, and mourned certain days, and fasted, and prayed before the God of heaven,
5 Akkanas nan jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu,
And said, I plead to you, O LORD God of heaven, the great and terrible God, that keeps covenant and mercy for them that love him and observe his commandments:
6 akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima.
Let your ear now be attentive, and your eyes open, that you may hear the prayer of your servant, which I pray before you now, day and night, for the children of Israel your servants, and confess the sins of the children of Israel, which we have sinned against you: both I and my father's house have sinned.
7 Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne.
We have dealt very corruptly against you, and have not kept the commandments, nor the statutes, nor the judgments, which you commandedst your servant Moses.
8 “Qajeelfama garbicha kee Museetti kennite sana yaadadhu; innis akkana jedha; ‘Yoo isin amanamuu baattan ani saboota keessa isin nan bittinneessa;
Remember, I plead to you, the word that you commandedst your servant Moses, saying, If all of you transgress, I will scatter you abroad among the nations:
9 garuu yoo isin gara kootti deebitanii ajaja koo eegdan, yoo namoonni keessan kanneen boojiʼaman daarii lafaa jiraatan illee ani achii walitti isaanin qabee gara iddoo ani akka Maqaan koo achi jiraatuuf filadhe sanaatti isaan nan fida.’
But if all of you turn unto me, and keep my commandments, and do them; though there were of you cast out unto the uttermost part of the heaven, yet will I gather them from thence, and will bring them unto the place that I have chosen to set my name there.
10 “Isaan garboota kee fi saba kee warra ati humna kee guddaa fi harka kee jabaa sanaan furtee dha.
Now these are your servants and your people, whom you have redeemed by your great power, and by your strong hand.
11 Yaa Gooftaa, gurri kee kadhannaa garbicha kee kanaa fi kadhannaa garboota kee warra maqaa kee sodaachuutti gammadanii sirriitti haa dhagaʼu. Fuula namicha kanaa duratti surraa isaaf kennuudhaan harʼa garbicha kee milkeessi.” Ani nama mootichaaf daadhii buusun ture.
O LORD, I plead to you, let now your ear be attentive to the prayer of your servant, and to the prayer of your servants, who desire to fear your name: and prosper, I pray you, your servant this day, and grant him mercy in the sight of this man. For I was the king's cupbearer.

< Nahimiyaa 1 >