< Miikiyaas 5 >

1 Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi; nu marfamneerraatii. Isaan uleedhaan maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.
成群的民哪,現在你要聚集成隊; 因為仇敵圍攻我們, 要用杖擊打以色列審判者的臉。
2 “Garuu yaa Beetlihem Efraataa, ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, kan bulchaa Israaʼel taʼu, kan jiraachuun isaa durumaa, kan bara duriitii jalqabee ture tokko si keessaa baʼee naaf dhufa.”
伯利恆的以法他啊, 你在猶大諸城中為小, 將來必有一位從你那裏出來, 在以色列中為我作掌權的; 他的根源從亙古,從太初就有。
3 Kanaafuu Israaʼel hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee obboloonni isaa warri hafan Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.
耶和華必將以色列人交付敵人, 直等那生產的婦人生下子來。 那時掌權者其餘的弟兄 必歸到以色列人那裏。
4 Inni jabina Waaqayyootiin surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin dhaabatee bushaayee isaa tikfata. Yeroo sanatti surraan isaa waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.
他必起來,倚靠耶和華的大能, 並耶和華-他上帝之名的威嚴, 牧養他的羊群。 他們要安然居住; 因為他必日見尊大,直到地極。
5 Inni nagaa keenya taʼa; yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daʼannoo keenya keessa baʼanitti nu tiksoota torbaa fi ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.
這位必作我們的平安。 當亞述人進入我們的地境, 踐踏宮殿的時候, 我們就立起七個牧者, 八個首領攻擊他。
6 Isaan biyya Asoor goraadeedhaan biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu. Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daarii keenya keessa baʼanitti, inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.
他們必用刀劍毀壞亞述地 和寧錄地的關口。 亞述人進入我們的地境踐踏的時候, 他必拯救我們。
7 Hambaan Yaaqoob namoota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akkuma tiifuu marga irraa kan nama hin eegnee yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.
雅各餘剩的人必在多國的民中, 如從耶和華那裏降下的露水, 又如甘霖降在草上; 不仗賴人力,也不等候世人之功。
8 Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti, uummata hedduu gidduuttis, akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu, akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.
雅各餘剩的人必在多國多民中, 如林間百獸中的獅子, 又如少壯獅子在羊群中。 他若經過就必踐踏撕裂, 無人搭救。
9 Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa; amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.
願你的手舉起,高過敵人! 願你的仇敵都被剪除!
10 Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa; gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.
耶和華說:到那日, 我必從你中間剪除馬匹, 毀壞車輛,
11 Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa; daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.
也必從你國中除滅城邑, 拆毀一切的保障,
12 Ani falfaltoota keessan nan balleessa; isinis deebitanii hin mortan.
又必除掉你手中的邪術; 你那裏也不再有占卜的。
13 Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii gidduu keetii nan balleessa; ati siʼachi gad jettee hojii harka keetiitiif hin sagaddu.
我必從你中間除滅雕刻的偶像和柱像, 你就不再跪拜自己手所造的。
14 Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee magaalaawwan kees nan barbadeessa.
我必從你中間拔出木偶, 又毀滅你的城邑。
15 Ani saboota naaf hin ajajamin irratti aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”
我也必在怒氣和忿怒中向那不聽從的列國施報。

< Miikiyaas 5 >