< Maatewos 28 >

1 Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.
Now on the morning of the Sabbath, when it began to grow light on the first Sabbath, Mary Magdalene and the other Mary went to see the sepulcher.
2 Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe.
And behold, a great earthquake occurred. For an Angel of the Lord descended from heaven, and as he approached, he rolled back the stone and sat down on it.
3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture.
Now his appearance was like lightning, and his vestment was like snow.
4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
Then, out of fear of him, the guards were terrified, and they became like dead men.
5 Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka.
Then the Angel responded by saying to the women: “Do not be afraid. For I know that you are seeking Jesus, who was crucified.
6 Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
He is not here. For he has risen, just as he said. Come and see the place where the Lord was placed.
7 Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
And then, go quickly, and tell his disciples that he has risen. And behold, he will precede you to Galilee. There you shall see him. Lo, I have told you beforehand.”
8 Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
And they went out of the tomb quickly, with fear and in great joy, running to announce it to his disciples.
9 Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
And behold, Jesus met them, saying, “Hail.” But they drew near and took hold of his feet, and they adored him.
10 Yesuusis, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu” jedheen.
Then Jesus said to them: “Do not be afraid. Go, announce it to my brothers, so that they may go to Galilee. There they shall see me.”
11 Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan.
And when they had departed, behold, some of the guards went into the city, and they reported to the leaders of the priests all that had happened.
12 Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan.
And gathering together with the elders, having taken counsel, they gave an abundant sum of money to the soldiers,
13 Akkanas jedhaniin; “‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa.
saying: “Say that his disciples arrived at night and stole him away, while we were sleeping.
14 Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.”
And if the procurator hears about this, we will persuade him, and we will protect you.”
15 Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
Then, having accepted the money, they did as they were instructed. And this word has been spread among the Jews, even to this day.
16 Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan.
Now the eleven disciples went on to Galilee, to the mountain where Jesus had appointed them.
17 Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman.
And, seeing him, they worshipped him, but certain ones doubted.
18 Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
And Jesus, drawing near, spoke to them, saying: “All authority has been given to me in heaven and on earth.
19 Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
Therefore, go forth and teach all nations, baptizing them in the name of the Father and of the Son and of the Holy Spirit,
20 akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.” (aiōn g165)
teaching them to observe all that I have ever commanded you. And behold, I am with you always, even to the consummation of the age.” (aiōn g165)

< Maatewos 28 >