< Maatewos 16 >

1 Fariisonnii fi Saduuqonni gara Yesuus dhufanii akka inni samii irraa mallattoo isaan argisiisu gaafachuudhaan isa qoran.
And Pharisees and Sadducees approached him to test him, and they asked him to show them a sign from heaven.
2 Innis akkana jedhee deebise; “Isin yeroo galgalaaʼutti, ‘Samiin diimateera; caama taʼa’ jettu;
But he responded by saying to them: “When evening arrives, you say, ‘It will be calm, for the sky is red,’
3 ganama immoo, ‘Samiin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa samii addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.
and in the morning, ‘Today there will be a storm, for the sky is red and gloomy.’ So then, you know how to judge the appearance of the sky, but you are unable to know the signs of the times?
4 Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon hin kennamuuf.” Yesuusis isaan dhiisee deeme.
An evil and adulterous generation seeks a sign. And a sign shall not be given to it, except the sign of the prophet Jonah.” And leaving them behind, he went away.
5 Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan.
And when his disciples went across the sea, they forgot to bring bread.
6 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa” isaaniin jedhe.
And he said to them, “Consider and beware of the leaven of the Pharisees and the Sadducees.”
7 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif” jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan.
But they were thinking within themselves, saying, “It is because we have not brought bread.”
8 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; “Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu?
Then Jesus, knowing this, said: “Why do you consider within yourselves, O little in faith, that it is because you have no bread?
9 Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
Do you not yet understand, nor remember, the five loaves among the five thousand men, and how many containers you took up?
10 Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
Or the seven loaves among the four thousand men, and how many baskets you took up?
11 Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.”
Why do you not understand that it was not because of bread that I said to you: Beware of the leaven of the Pharisees and the Sadducees?”
12 Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.
Then they understood that he was not saying that they should beware of the leaven of bread, but of the doctrine of the Pharisees and the Sadducees.
13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, “Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?” jedhee barattoota isaa gaafate.
Then Jesus went into parts of Caesarea Philippi. And he questioned his disciples, saying, “Who do men say that the Son of man is?”
14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu” jedhanii deebisan.
And they said, “Some say John the Baptist, and others say Elijah, still others say Jeremiah or one of the prophets.”
15 Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
Jesus said to them, “But who do you say that I am?”
16 Simoon Phexrosis, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti” jedhee deebise.
Simon Peter responded by saying, “You are the Christ, the Son of the living God.”
17 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.
And in response, Jesus said to him: “Blessed are you, Simon son of Jonah. For flesh and blood has not revealed this to you, but my Father, who is in heaven.
18 Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu. (Hadēs g86)
And I say to you, that you are Peter, and upon this rock I will build my Church, and the gates of Hell shall not prevail against it. (Hadēs g86)
19 Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”
And I will give you the keys of the kingdom of heaven. And whatever you shall bind on earth shall be bound, even in heaven. And whatever you shall release on earth shall be released, even in heaven.”
20 Ergasiis akka isaan akka inni Kiristoos taʼe nama tokkotti illee hin himneef barattoota isaa akeekkachiise.
Then he instructed his disciples that they should tell no one that he is Jesus the Christ.
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
From that time, Jesus began to reveal to his disciples that it was necessary for him to go to Jerusalem, and to suffer much from the elders and the scribes and the leaders of the priests, and to be killed, and to rise again on the third day.
22 Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe.
And Peter, taking him aside, began to rebuke him, saying, “Lord, may it be far from you; this shall not happen to you.”
23 Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.
And turning away, Jesus said to Peter: “Get behind me, Satan; you are an obstacle to me. For you are not behaving according to what is of God, but according to what is of men.”
24 Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
Then Jesus said to his disciples: “If anyone is willing to come after me, let him deny himself, and take up his cross, and follow me.
25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
For whoever would save his life, will lose it. But whoever will have lost his life for my sake, shall find it.
26 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
For how does it benefit a man, if he gains the whole world, yet truly suffers damage to his soul? Or what shall a man give in exchange for his soul?
27 Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.
For the Son of man will arrive in the glory of his Father, with his Angels. And then he will repay each one according to his works.
28 “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”
Amen I say to you, there are some among those standing here, who shall not taste death, until they see the Son of man arriving in his reign.”

< Maatewos 16 >