< Luqaas 4 >

1 Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame;
Jesus, full of the Holy Spirit, returned from the Jordan River and was led by the Spirit into the desert,
2 achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
where he was tempted by the devil for forty days. He didn't eat anything during that whole time, so at the end he was starving.
3 Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen.
The devil said to him, “If you are the Son of God, command this stone to become bread.”
4 Yesuus immoo deebisee, “‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’jedhamee barreeffameera” jedheen.
“It is written in Scripture, ‘You shall not live on bread alone,’” Jesus answered.
5 Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise.
The devil led him up to a high place, and in a rapid view showed him all the kingdoms of the world.
6 Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa.
Then the devil said to Jesus, “I will give you authority over all of them, and their glory. This authority has been given to me, and I can give it to anyone I want.
7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.”
Bow down and worship me and you can have it all.”
8 Yesuus immoo, “‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef.
“It is written in Scripture, ‘You shall worship the Lord your God, and you shall serve only him,’” Jesus replied.
9 Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu.
The devil took Jesus to Jerusalem, set him on the top of the Temple, and told him, “If you are the Son of God, then jump!
10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
For it is written in Scripture, ‘He will order his angels to care for you,
11 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
holding you up to protect you from stumbling over a stone.’”
12 Yesuus immoo deebisee, “‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhameera” jedheen.
“It is written in Scripture, ‘You shall not tempt the Lord your God,’” Jesus replied.
13 Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
When the devil had completed all his temptations, he waited for another opportunity.
14 Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe.
Jesus returned to Galilee, full of the Spirit's power. News about him spread everywhere.
15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
Jesus taught in their synagogues, and everyone praised him.
16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate;
When he arrived in Nazareth, where he had grown up, he went to the synagogue on the Sabbath day as usual.
17 kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
The scroll of the prophet Isaiah was handed to him. Jesus unrolled the scroll and found the place where it's written:
18 “Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
“The Spirit of the Lord is upon me, for he has anointed me to announce good news to the destitute. He has sent me to proclaim that prisoners will be released, the blind will see, the oppressed will be freed,
19 inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera.”
and to proclaim the time of the Lord's favor.”
20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
He rolled up the scroll and gave it back to the attendant. Then he sat down. Everybody in the synagogue was staring at him.
21 Innis, “Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame” isaaniin jechuu jalqabe.
“This Scripture you've just heard has been fulfilled today!” he told them.
22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan.
Everybody expressed their approval of him, amazed at the gracious words that came from his lips. “Isn't this Joseph's son?” they wondered.
23 Yesuusis, “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu” isaaniin jedhe.
Jesus replied, “I'm sure you'll repeat this proverb to me, ‘Physician, heal yourself!’ and ask, ‘Why don't you do here in your own hometown what we heard you did in Capernaum?’
24 Innis itti fufee akkana jedhe; “Ani dhuguma isinitti nan hima; raajiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu.
But I tell you the truth, no prophet is accepted in his hometown.
25 Ani dhuguman isiniin jedha; bara Eeliyaas yeroo samiin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture.
I guarantee that there were many widows in Israel during the time of Elijah when there was a drought for three and a half years, causing a great famine throughout the country.
26 Taʼus Eeliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne.
Yet Elijah wasn't sent to any of them. He was sent to a widow in Zarephath in the region of Sidon!
27 Bara Elsaaʼi raajichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture.”
Even though there were many lepers in Israel in the time of Elisha, the only one who was healed was Naaman the Syrian!”
28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran.
When they heard this everyone in the synagogue became furious.
29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan.
They jumped to their feet and threw him out of the town. Then they dragged him to the top of the hill on which the town was built in order to throw him off the cliff.
30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
But he walked right through them and went on his way.
31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise.
Jesus went down to Capernaum, a town in Galilee. On Sabbath he started teaching them.
32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
They were amazed at what he taught them for he spoke with authority.
33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe;
In the synagogue there was a man who was possessed by a demon. He cried out,
34 “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
“So, what do you want with us, Jesus of Nazareth? Have you come to destroy us? I know who you are: God's Holy One!”
35 Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe.
Jesus interrupted him, saying. “Be quiet!” Then he ordered the demon, “Come out of him!” Throwing him to the ground right before them, the demon left the man without injuring him.
36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.
They were all amazed and asked each other, “What is this teaching? With power and authority he orders evil spirits to leave—and they do!”
37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
News about Jesus spread throughout the nearby region.
38 Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan.
Leaving the synagogue, Jesus went to Simon's house. Simon's mother-in-law was sick with a high fever and those who were there asked Jesus to help.
39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
Jesus went and stood over her. He told the fever to leave her—which it did. She got up right away and prepared a meal for them.
40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise.
When the sun set, they brought to him all who were sick, suffering from various diseases. Jesus placed his hands on them, one after the other, and he healed them.
41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
Demons came out of many people, shouting, “You are the Son of God.” But Jesus stopped them and refused to let them speak because they knew he was the Christ.
42 Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan.
Early the following morning Jesus left to find some peace and quiet. But the crowds went out looking for him, and finally found him. They tried to stop him leaving because they did not want him to go.
43 Inni garuu, “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma” jedhe.
But he told them, “I have to go to other towns to tell them the good news of the kingdom of God too, because that is what I was sent to do.”
44 Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.
So Jesus went on traveling around, teaching the good news in the synagogues of Judea.

< Luqaas 4 >