< Luqaas 22 >

1 Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture;
And the feast of the unleavened bread, which is called a Passover, was drawing near.
2 luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan.
And the High-priests and the Scribes were seeking, how they might get rid of him; for they feared the people.
3 Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale.
But Satan entered into Judas, him called Iscariot, being of the number of the twelve;
4 Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate.
and, departing, he conversed with the High-priests and Captains, as to how, unto them, he might deliver him up.
5 Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan.
And they rejoiced, and bargained with him to give him, silver;
6 Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
and he freely consented, and began seeking a good opportunity for delivering him up, in the absence of a multitude, unto them.
7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture.
Now the day of the unleavened bread a came, —on which it was needful to be sacrificing the passover.
8 Yesuusis, “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa” jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.
And he sent forth Peter and John, saying—Go, and make ready, for us, the passover, that we may eat.
9 Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
And, they, said unto him—Where wiliest thou, we should make ready?
10 Inni immoo deebisee akkana jedhe; “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii,
And, he, said unto them—Lo! when ye have entered into the city, there will meet you a man, bearing, an earthen-jar of water: follow him into the house into which he is entering.
11 abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa.
And ye shall say unto the master of the house—The teacher saith unto thee, where is the lodging, where, the passover, with my disciples, I may eat?
12 Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”
And, he, unto you, will shew, a large upper room, spread: there, make ready.
13 Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
And, departing, they found according as he had said unto them, and made ready the passover.
14 Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan.
And, when the hour arrived, he reclined, and the apostles with him.
15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture.
And he said unto them—I have greatly desired, to eat, this passover, with you before I suffer;
16 Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”
For, I say unto you—In nowise shall I eat it, until it have been fulfilled in the kingdom of God.
17 Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa.
And, accepting a cup, giving thanks, he said—Take this, and divide among yourselves;
18 Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.
For, I say unto you—In nowise shall I drink henceforth of the fruit of the vine, until, the kingdom of God, shall come.
19 Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.
And, taking a loaf, he gave thanks, and brake, and gave unto them, saying—This is my body which in your behalf is being given: this, be ye doing, in remembrance, of me.
20 Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
And—the cup, in like manner, after the taking of supper, saying—This cup, is the new covenant in my blood, which, in your behalf, is to be poured out.
21 Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira.
Nevertheless, lo! the hand of him who is delivering me up, is with me upon the table.
22 Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!”
Because, the Son of Man, indeed, according to what is marked out, goeth his way; nevertheless, alas! for that man through whom he is being delivered up.
23 Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.
And, they, began to be enquiring together, among themselves, as to which, then, it could be, from among them, who, this thing, was about to perpetrate!
24 Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe.
And it came to pass that there was, a rivalry also, among them, as to which of them seemed to be greater [than the rest].
25 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu.
And, he, said unto them—The kings of the nations, lord it over them, and, they who wield authority over them, benefactors, are called.
26 Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.
But, ye, not so! On the contrary—the greater among you, Let him become as, the younger, and, he that governeth, as, he that ministereth,
27 Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
For which is greater—he that reclineth? or he that ministereth? Is not he that reclineth? But, I, am, in your midst, as he that ministereth,
28 Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.
Ye, however, are they who have remained throughout with me in my temptations;
29 Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna;
And, I, covenant unto you—as my Father hath covenanted unto me—a kingdom,
30 kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
That ye may eat and drink, at my table, in my kingdom, and sit upon thrones, judging, the twelve tribes of Israel.
31 “Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera.
Simon! Simon! lo! Satan, hath claimed you, to sift as wheat;
32 Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
But, I, have entreated for thee, that thy faith may not fail. And, thou, once thou hast turned, strengthen thy brethren.
33 Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
But, he, said unto him—Lord! with thee, am I, ready, both into prison and unto death, to be going.
34 Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
And, he, said: I tell thee, Peter—A cock will not crow this day, until, thrice, thou deny that thou knowest me.
35 Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan.
And he said unto them—When I sent you forth, without purse or satchel or sandals, of anything, came ye short? And, they, said—Of nothing!
36 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa.
And he said unto them—But, now, he that hath a purse, let him take it, in like manner also, a satchel; and, he that hath nothing, let him sell his mantle, and buy a sword!
37 Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”
For I say unto you—This that is written, must needs be completed in me, —And, with lawless ones, was he reckoned; for, even that which concerneth me, hath, completion.
38 Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan. Innis, “Ni gaʼa” jedhee deebiseef.
And, they, said—Lord, lo! two swords, here! And, he, said unto them—’Tis, enough!
39 Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.
And going out, he went, according to his custom, unto the Mount of Olives; and the disciples [also] followed him.
40 Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe.
And, coming up to the place, he said unto them—Be praying, lest ye enter into temptation.
41 Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate;
And, he, was torn from them about a stone’s throw; and, bending his knees, he began to pray,
42 “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
saying—Father! if thou please, bear aside this cup from me. Nevertheless, not my will, but thine, be accomplished.
43 Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.
And there appeared unto him a messenger from heaven, strengthening him, —
44 Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.
and, coming to be in an agony, more intensely, was he praying; and his perspiration became, as if great drops of blood, falling upon the ground.
45 Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge.
And, arising from prayer, he came unto his disciples, and found them falling asleep by reason of their grief;
46 Innis, “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa” isaaniin jedhe.
and he said unto them—Why are ye slumbering? Arise! and be praying, lest ye enter into temptation.
47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate;
While yet he was speaking, lo! a multitude; and, he that was called Judas, one of the twelve, was leading them on, —and he drew near unto Jesus, to kiss him.
48 Yesuus garuu, “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedhee gaafate.
But, Jesus, said to him—Judas! with a kiss, the Son of Man, dost thou deliver up?
49 Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan.
And they who were about him, seeing what would be, said—Lord! shall we smite with the sword?
50 Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.
And a certain one from among them smote, the High-priest’s, servant, and took off his right ear.
51 Yesuusis deebisee, “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa” jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.
But Jesus, answering, said—Let be—as long as this! …And, touching the ear, he healed him.
52 Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii?
And Jesus said unto the High-priests, and Captains of the temple, and Elders, who had come against him—As against a robber, have ye come out, with swords and clubs?
53 Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”
Daily, was I with you, in the temple, and yet ye stretched not forth your hands against me! …But, this, is your hour, and the authority of darkness.
54 Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture.
And, having arrested him, they led him away, and took him into the house of the High-priest; and, Peter, was following afar.
55 Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe.
And, they having kindled up a fire in the midst of the court, and taken seats together, Peter was for sitting among them.
56 Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette.
But, a certain maid-servant, seeing him seating himself towards the light, and looking steadfastly at him, said—This one also, was, with him.
57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
But, he, denied, saying—I know him not, woman!
58 Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe. Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise.
And, after a little, another, beholding him, said—Thou also, art, from among them. But, Peter, said—Man! I am not.
59 Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate.
And, about one hour having passed, a certain other, began stoutly to insist, saying—Of a truth, this one also, was with him; for indeed he is, a Galilaean.
60 Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye.
But Peter said—Man! I know not what thou art saying! And, instantly while yet he was speaking, a cock crew.
61 Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadate.
And the Lord turned, and looked at Peter; and Peter was put in mind of the declaration of the Lord, how he had said to him—Before, a cock, crow this day, thou wilt deny me thrice!
62 Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.
[And, going forth outside, he wept bitterly.]
63 Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban.
And, the men who held him bound, kept mocking him, with blows;
64 Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan.
and, blindfolding him, questioned him, saying—Prophesy! which is he that smote thee?
65 Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.
and, many other things, with profane speech, were they saying unto him.
66 Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii,
And, when it became day, the Eldership of the people was gathered together—both High-priests and Scribes, —and they led him away into their high-council, saying—If, thou, art the Christ, tell us!
67 “Ati yoo Kiristoos taate mee nutti himi” jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
But he said unto them—If I should tell, you, in nowise would ye believe,
68 yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan.
And, if I should put questions, in nowise would ye answer;
69 Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”
But, henceforth, shall the Son of Man be seated on the right hand of the power of God.
70 Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan. Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.
And they all said—Thou, then, art the Son of God? And, he, unto them said—Ye, say [it], —because, I, am.
71 Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.
And, they, said—What, further, need have we, of witness? We ourselves, have heard it from his mouth.

< Luqaas 22 >