< Luqaas 19 >

1 Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture. 2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. 3 Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye. 4 Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe. 5 Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen. 6 Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate. 7 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban. 8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe. 9 Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10 Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.” 11 Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate. 12 Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe. 13 Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne. 14 “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan. 15 “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise. 16 “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen. 17 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen. 18 “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen. 19 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen. 20 “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture. 21 Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’ 22 “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii? 23 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’ 24 “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe. 25 “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin. 26 “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama; 27 diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’” 28 Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture. 29 Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge; 30 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa. 31 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.” 32 Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan. 33 Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. 34 Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan. 35 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan. 36 Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan. 37 Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban. 38 “Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!” 39 Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan. 40 Innis deebisee, “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen. 41 Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef; 42 akkanas jedhe; “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera. 43 Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii. 44 Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.” 45 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe. 46 Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe. 47 Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan. 48 Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii.

< Luqaas 19 >