< Luqaas 19 >

1 Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture.
Entró y pasó por Jericó.
2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture.
Había un hombre llamado Zaqueo. Era un jefe de los recaudadores de impuestos, y era rico.
3 Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye.
Trataba de ver quién era Jesús, y no podía a causa de la multitud, porque era de baja estatura.
4 Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.
Se adelantó corriendo y se subió a un sicómoro para verlo, pues iba a pasar por allí.
5 Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen.
Cuando Jesús llegó al lugar, levantó la vista y lo vio, y le dijo: “Zaqueo, date prisa en bajar, porque hoy tengo que quedarme en tu casa.”
6 Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.
Él se apresuró, bajó y lo recibió con alegría.
7 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban.
Al verlo, todos murmuraron, diciendo: “Ha entrado a hospedarse con un hombre que es pecador.”
8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.
Zaqueo se puso en pie y dijo al Señor: “Mira, Señor, la mitad de mis bienes la doy a los pobres. Si a alguien le he exigido algo injustamente, le devuelvo cuatro veces más”.
9 Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.
Jesús le dijo: “Hoy ha llegado la salvación a esta casa, porque también él es hijo de Abraham.
10 Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
Porque el Hijo del Hombre ha venido a buscar y a salvar lo que se había perdido”.
11 Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate.
Al oír estas cosas, prosiguió y contó una parábola, porque estaba cerca de Jerusalén, y ellos suponían que el Reino de Dios se revelaría inmediatamente.
12 Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe.
Dijo, pues: “Cierto noble se fue a un país lejano para recibir para sí un reino y regresar.
13 Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne.
Llamó a diez siervos suyos y les dio diez monedas de mina, y les dijo: “Ocúpense de los negocios hasta que yo llegue”.
14 “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan.
Pero sus ciudadanos lo odiaban y enviaron un enviado tras él, diciendo: ‘No queremos que este hombre reine sobre nosotros.’
15 “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise.
“Cuando regresó de nuevo, habiendo recibido el reino, mandó llamar a estos siervos, a los que había dado el dinero, para que supiera lo que habían ganado haciendo negocios.
16 “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen.
El primero se presentó ante él, diciendo: “Señor, tu mina ha hecho diez minas más”.
17 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen.
“Le dijo: “¡Bien hecho, buen siervo! Porque has sido hallado fiel con muy poco, tendrás autoridad sobre diez ciudades’.
18 “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen.
“El segundo vino diciendo: ‘Tu mina, Señor, ha hecho cinco minas’.
19 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen.
“Entonces le dijo: ‘Y tú vas a estar sobre cinco ciudades’.
20 “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture.
Vino otro diciendo: ‘Señor, he aquí tu mina, que yo guardaba en un pañuelo,
21 Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’
pues te temía, porque eres un hombre exigente. Recoges lo que no pusiste, y cosechas lo que no sembraste’.
22 “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii?
“Le dijo: ‘¡De tu propia boca te juzgaré, siervo malvado! Sabías que soy un hombre exigente, que tomo lo que no dejé y cosecho lo que no sembré.
23 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’
Entonces, ¿por qué no depositaste mi dinero en el banco, y al llegar yo, podría haber ganado intereses por él?’
24 “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe.
Y dijo a los que estaban allí: ‘Quitadle la mina y dadla al que tiene las diez minas’.
25 “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin.
“Le dijeron: ‘¡Señor, tiene diez minas!
26 “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama;
‘Porque yo os digo que a todo el que tiene, se le dará más; pero al que no tiene, se le quitará hasta lo que tiene.
27 diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’”
Pero traed aquí a esos enemigos míos que no querían que reinara sobre ellos, y matadlos delante de mí.’”
28 Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture.
Dicho esto, siguió adelante, subiendo a Jerusalén.
29 Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge;
Cuando se acercó a Betfagé y a Betania, en el monte que se llama del Olivar, envió a dos de sus discípulos,
30 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa.
diciendo: “Id a la aldea del otro lado, en la que, al entrar, encontraréis un pollino atado, en el que nadie se ha sentado jamás. Desátenlo y tráiganlo.
31 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.”
Si alguien os pregunta: “¿Por qué lo desatáis el pollino?”, decidle: “El Señor lo necesita”.”
32 Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan.
Los enviados se fueron y encontraron las cosas tal como él les había dicho.
33 Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
Mientras desataban el potro, sus dueños les dijeron: “¿Por qué desatáis el potro?”.
34 Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan.
Ellos respondieron: “El Señor lo necesita”.
35 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan.
Entonces se lo llevaron a Jesús. Echaron sus mantos sobre el pollino y sentaron a Jesús sobre ellos.
36 Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan.
Mientras él iba, extendieron sus mantos en el camino.
37 Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban.
Cuando ya se acercaba, al bajar del Monte de los Olivos, toda la multitud de los discípulos comenzó a alegrarse y a alabar a Dios a gran voz por todas las maravillas que habían visto,
38 “Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!”
diciendo: “¡Bendito el Rey que viene en nombre del Señor! Paz en el cielo y gloria en las alturas”.
39 Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan.
Algunos fariseos de la multitud le dijeron: “Maestro, reprende a tus discípulos”.
40 Innis deebisee, “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen.
Él les respondió: “Os digo que si éstos callaran, las piedras gritarían”.
41 Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef;
Cuando se acercó, vio la ciudad y lloró por ella,
42 akkanas jedhe; “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera.
diciendo: “¡Si tú, incluso tú, hubieras sabido hoy las cosas que pertenecen a tu paz! Pero ahora están ocultas a tus ojos.
43 Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii.
Porque vendrán días en que tus enemigos levantarán una barricada contra ti, te rodearán, te cercarán por todos lados,
44 Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.”
y te derribarán a ti y a tus hijos dentro de ti. No dejarán en ti una piedra sobre otra, porque no conociste el tiempo de tu visitación”.
45 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe.
Entró en el templo y comenzó a expulsar a los que compraban y vendían en él,
46 Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe.
diciéndoles: “Está escrito: “Mi casa es una casa de oración”, pero vosotros la habéis convertido en una “cueva de ladrones”.”
47 Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan.
Cada día enseñaba en el templo, pero los jefes de los sacerdotes, los escribas y los principales hombres del pueblo trataban de matarle.
48 Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii.
No hallaban como hacerlo, porque todo el pueblo se aferraba a cada palabra que él decía.

< Luqaas 19 >