< Luqaas 15 >

1 Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan. 2 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman. 3 Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; 4 “Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? 5 Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, 6 mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha. 7 Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa. 8 “Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu? 9 Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti. 10 Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.” 11 Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture. 12 Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire. 13 “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse. 14 Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe. 15 Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge. 16 Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture. 17 “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa. 18 Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera. 19 Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.”’ 20 Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate. 21 “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen. 22 “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa. 23 Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus. 24 Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban. 25 “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe. 26 Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate. 27 Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen. 28 “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate. 29 Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine. 30 Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’ 31 “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti. 32 Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’”

< Luqaas 15 >