< Luqaas 10 >

1 Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge. 2 Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa. 3 Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga. 4 Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa. 5 “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa. 6 Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa. 7 Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa. 8 “Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa. 9 Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa. 10 Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa; 11 ‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’ 12 Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata. 13 “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii kan isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraa keessas tataaʼanii qalbii jijjiirratu turan. 14 Garuu guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata. 15 Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, Siiʼoolitti gad buuta. (Hadēs g86) 16 “Namni isin dhagaʼu kam iyyuu na dhagaʼa; namni isin dhagaʼuu didu anas dhagaʼuu dida; namni na dhagaʼuu didu immoo isa na erge sana dhagaʼuu dida.” 17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan. 18 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge. 19 Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu. 20 Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.” 21 Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii. 22 “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilmi eenyu akka taʼe hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaan eenyu akka taʼe hin beeku.” 23 Barattoota isaattis garagalee kophaatti akkana jedheen; “Iji waan isin argitan argu eebbifamaa dha. 24 Ani isinittin himaatii raajonnii fi mootonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu barbaadan; garuu hin argine. Waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu barbaadan; garuu hin dhageenye.” 25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. (aiōnios g166) 26 Yesuusis deebisee, “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?” jedheen. 27 Namichis, “‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise. 28 Yesuusis, “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa” jedheen. 29 Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, “Ollaan koo eenyu?” jedhee Yesuusin gaafate. 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. 31 Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe. 32 Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe. 33 Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. 34 Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare. 35 Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen. 36 “Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?” 37 Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. Yesuusis, “Atis dhaqiitii akkasuma godhi” jedheen. 38 Utuu karaa deemaa jiranuu Yesuus ganda tokko seene; dubartiin Maartaa jedhamtu tokkos mana isheetti isa simatte. 39 Isheenis obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaamis miilla Gooftaa jala teessee waan inni jedhu dhaggeeffachaa turte. 40 Maartaan garuu baayʼina hojiitiin waan dadhabaa turteef gara isaa dhuftee, “Yaa Gooftaa, obboleettiin koo akka ani hojii hunda kophaa koo hojjedhu natti dhiisuun ishee si hin gaddisiisuu? Akka isheen na gargaartu itti himi!” jette. 41 Gooftaanis deebisee akkana jedheen; “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee waan baayʼee yaaddofta; ni raafamtas. 42 Wanni barbaachisu garuu waanuma tokko qofa; Maariyaam isa caalu filatteerti; innis ishee irraa hin fudhatamu.”

< Luqaas 10 >