< Luqaas 1 >

1 Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru;
Since many have undertaken to set in order a narrative concerning those matters which have been fulfilled among us,
2 kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti.
even as those who from the beginning were eyewitnesses and servants of the word delivered them to us,
3 Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera.
it seemed good to me also, having traced the course of all things accurately from the first, to write to you in order, most excellent Theophilus;
4 Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
that you might know the certainty concerning the things in which you were instructed.
5 Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon.
There was in the days of Herod, the king of Judea, a certain priest named Zechariah, of the division of Abijah. He had a wife of the daughters of Aaron, and her name was Elizabeth.
6 Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.
They were both righteous before God, walking blamelessly in all the commandments and ordinances of the Lord.
7 Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.
But they had no child, because Elizabeth was barren, and they both were well advanced in years.
8 Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu,
Now it happened, while he was performing the priest's office before God in the order of his division,
9 akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame.
according to the custom of the priest's office, his lot was to enter into the temple of the Lord and burn incense.
10 Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
And the whole crowd of people were praying outside at the hour of incense.
11 Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate.
An angel of the Lord appeared to him, standing on the right side of the altar of incense.
12 Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate.
Zechariah was troubled when he saw him, and fear fell upon him.
13 Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi.
But the angel said to him, "Do not be afraid, Zechariah, because your request has been heard, and your wife, Elizabeth, will bear you a son, and you are to name him John.
14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu;
You will have joy and gladness; and many will rejoice at his birth.
15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.
For he will be great in the sight of the Lord, and he must never drink wine or strong drink, and he will be filled with the Holy Spirit, even from his mother's womb.
16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa.
He will turn many of the children of Israel to the Lord, their God.
17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
He will go before him in the spirit and power of Elijah, 'to turn the hearts of the fathers to the children,' and the disobedient to the wisdom of the just; to make ready a people prepared for the Lord."
18 Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
Zechariah said to the angel, "How can I be sure of this? For I am an old man, and my wife is well advanced in years."
19 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.
The angel answered him, "I am Gabriel, who stands in the presence of God. I was sent to speak to you, and to bring you this good news.
20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
And look, you will be silent and not able to speak, until the day that these things will happen, because you did not believe my words, which will be fulfilled in their proper time."
21 Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture.
The people were waiting for Zechariah, and they were wondering why he was delayed in the temple.
22 Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
When he came out, he could not speak to them, and they perceived that he had seen a vision in the temple. He continued making signs to them, and remained mute.
23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe.
It happened, when the days of his service were fulfilled, he departed to his house.
24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane.
After these days Elizabeth, his wife, conceived, and she hid herself five months, saying,
25 Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
"Thus has the Lord done to me in the days in which he looked at me, to take away my disgrace among people."
26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;
Now in the sixth month, the angel Gabriel was sent from God to a city of Galilee, named Nazareth,
27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.
to a virgin pledged to be married to a man whose name was Joseph, of the house of David. The virgin's name was Mary.
28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.
Having come in, the angel said to her, "Greetings, favored one. The Lord is with you."
29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde.
But when she saw him, she was greatly troubled at the saying, and considered what kind of greeting this might be.
30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.
The angel said to her, "Do not be afraid, Mary, for you have found favor with God.
31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.
And look, you will conceive in your womb, and bring forth a son, and will call his name 'Jesus.'
32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;
He will be great, and will be called the Son of the Most High. The Lord God will give him the throne of his father, David,
33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” (aiōn g165)
and he will reign over the house of Jacob forever. There will be no end to his Kingdom." (aiōn g165)
34 Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
Mary said to the angel, "How can this be, seeing I am a virgin?"
35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.
The angel answered her, "The Holy Spirit will come on you, and the power of the Most High will overshadow you. Therefore also the holy one who is born will be called the Son of God.
36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti.
And look, Elizabeth, your relative, also has conceived a son in her old age; and this is the sixth month with her who was called barren.
37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
For with God nothing will be impossible."
38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
And Mary said, "See, the handmaid of the Lord; be it to me according to your word." The angel departed from her.
39 Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe.
Mary arose in those days and went into the hill country with haste, into a city of Judah,
40 Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte.
and entered into the house of Zechariah and greeted Elizabeth.
41 Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte.
It happened, when Elizabeth heard Mary's greeting, that the baby leaped in her womb, and Elizabeth was filled with the Holy Spirit.
42 Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.
She called out with a loud voice, and said, "Blessed are you among women, and blessed is the fruit of your womb.
43 Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame?
Why am I so favored, that the mother of my Lord should come to me?
44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
For look, when the voice of your greeting came into my ears, the baby leaped in my womb for joy.
45 Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”
Blessed is she who believed, for there will be a fulfillment of the things which have been spoken to her from the Lord."
46 Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
Mary said, "My soul magnifies the Lord.
47 hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
And my spirit rejoices in God my Savior,
48 inni salphina garbittii isaa argeeraatii. Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
for he has looked at the humble state of his servant girl. For look, from now on all generations will call me blessed.
49 Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha.
For he who is mighty has done great things for me, and holy is his name.
50 Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
His mercy is for generations of generations on those who fear him.
51 Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
He has shown strength with his arm. He has scattered the proud in the imagination of their hearts.
52 Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
He has put down princes from their thrones. And has exalted the lowly.
53 Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
He has filled the hungry with good things. He has sent the rich away empty.
54 Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
He has given help to Israel, his servant, that he might remember mercy,
55 kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.” (aiōn g165)
As he spoke to our fathers, to Abraham and his offspring forever." (aiōn g165)
56 Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
Mary stayed with her about three months, and then returned to her house.
57 Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse.
Now the time that Elizabeth should give birth was fulfilled, and she brought forth a son.
58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.
Her neighbors and her relatives heard that the Lord had magnified his mercy towards her, and they rejoiced with her.
59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan.
It happened on the eighth day, that they came to circumcise the child; and they would have called him Zechariah, after the name of the father.
60 Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
His mother answered, "Not so; but he will be called John."
61 Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
They said to her, "There is no one among your relatives who is called by this name."
62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan.
They made signs to his father, what he would have him called.
63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan.
And he asked for a writing tablet, and wrote, "His name is John." And they were all amazed.
64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.
His mouth was opened immediately, and his tongue freed, and he spoke, blessing God.
65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame.
Fear came on all who lived around them, and all these sayings were talked about throughout all the hill country of Judea.
66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
All who heard them laid them up in their heart, saying, "What then will this child be?" The hand of the Lord was with him.
67 Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
His father, Zechariah, was filled with the Holy Spirit, and prophesied, saying,
68 “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
"Blessed be the Lord, the God of Israel, for he has visited and worked redemption for his people;
69 Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
and has raised up a horn of salvation for us in the house of his servant David
70 akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti (aiōn g165)
(as he spoke by the mouth of his holy prophets who have been from of old), (aiōn g165)
71 diinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
salvation from our enemies, and from the hand of all who hate us;
72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu,
to show mercy towards our fathers, to remember his holy covenant,
73 inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
the oath which he spoke to Abraham, our father,
74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
to grant to us that we, being delivered out of the hand of our enemies, should serve him without fear,
75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
In holiness and righteousness before him all our days.
76 “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
And you, child, will be called a prophet of the Most High, for you will go before the Lord to make ready his ways,
77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;
to give knowledge of salvation to his people by the forgiveness of their sins,
78 sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
because of the tender mercy of our God, whereby the dawn from on high will visit us,
79 warra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”
to shine on those who sit in darkness and the shadow of death; to guide our feet into the way of peace."
80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.
The child was growing, and becoming strong in spirit, and was in the desert until the day of his public appearance to Israel.

< Luqaas 1 >