< Faaruu 2 >

1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne. 2 Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise. 3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe. 4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse. 5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera. 6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate. 7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan. 8 Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan. 9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan. 10 Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan. 11 Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera. 12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu. 13 Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa? 14 Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha. 15 Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu. 16 Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu. 17 Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera. 18 Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin. 19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu. 20 “Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu? 21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte. 22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”

< Faaruu 2 >