< Abbootii Murtii 4 >

1 Erga Eehuud duʼee booddee Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan.
And the children of Israel again did evil in the sight of the LORD, when Ehud was dead.
2 Kanaafuu Waaqayyo Yaabiin mootii Kanaʼaan kan Haazoor taaʼee bulchaa turetti dabarsee isaan gurgure. Ajajaan loltoota isaa Siisaaraa jedhama ture; innis Harooshet Hagooyim keessa jiraata ture.
And the LORD sold them into the hand of Jabin king of Canaan, that reigned in Hazor; the captain of whose host was Sisera, which dwelt in Harosheth of the Gentiles.
3 Inni sababii gaariiwwan sibiilaa dhibba sagal qabuuf waggaa digdama akka malee Israaʼeloota hacuuce; isaanis gargaarsa barbaacha Waaqayyotti iyyatan.
And the children of Israel cried unto the LORD: for he had nine hundred chariots of iron; and twenty years he mightily oppressed the children of Israel.
4 Yeroo sanatti niitiin Lafiidoot Debooraan raajittiin Israaʼelin bulchaa turte.
And Deborah, a prophetess, the wife of Lapidoth, she judged Israel at that time.
5 Isheenis biyya gaaraa Efreemitti Muka Meexxii Debooraa kan Raamaa fi Beetʼeel gidduutti argamu sana jala teessee murtii kennaa turte. Sabni Israaʼelis murtii argachuuf gara ishee dhufaa ture.
And she dwelt under the palm tree of Deborah between Ramah and Bethel in mount Ephraim: and the children of Israel came up to her for judgment.
6 Isheenis Baaraaqi ilma Abiinooʼam biyya Niftaalem magaalaa Qaadeshiitii waamsifatee akkana jetteen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhee si ajaja; ‘Kaʼi; gosa Niftaalemii fi gosa Zebuuloon keessaa nama kuma kudhan fudhadhuutii Tulluu Taabooriitti ol baʼi.
And she sent and called Barak the son of Abinoam out of Kedeshnaphtali, and said unto him, Has not the LORD God of Israel commanded, saying, Go and draw toward mount Tabor, and take with you ten thousand men of the children of Naphtali and of the children of Zebulun?
7 Anis Siisaaraa, ajajaa loltoota Yaabiin sana gaariiwwan lolaatii fi loltoota isaa wajjin akka inni gara Laga Qiishoonitti baʼu nan kakaasa; isas harka keetti dabarsee nan kenna.’”
And I will draw unto you to the river Kishon Sisera, the captain of Jabin's army, with his chariots and his multitude; and I will deliver him into your hand.
8 Baaraaqis, “Yoo ati na wajjin deemte, ani nan deema; yoo ati na wajjin hin deemin garuu anis hin deemu” jedheen.
And Barak said unto her, If you will go with me, then I will go: but if you will not go with me, then I will not go.
9 Debooraanis, “Ani dhugumaan si faana nan deema. Yoo ati haala kanaan deemte garuu ulfinni siʼiif hin taʼu; Waaqayyo dabarsee Siisaaraa harka dubartiitti kennaatii” jetteen. Kanaafuu Debooraan Baaraaqi faana gara Qaadesh deemte;
And she said, I will surely go with you: notwithstanding the journey that you take shall not be for your honour; for the LORD shall sell Sisera into the hand of a woman. And Deborah arose, and went with Barak to Kedesh.
10 Baaraaqis achitti namoota gosa Zebuuloonii fi gosa Niftaalem walitti waame. Namoonni kuma kudhan isa duukaa buʼan; Debooraanis isa faana deemte.
And Barak called Zebulun and Naphtali to Kedesh; and he went up with ten thousand men at his feet: and Deborah went up with him.
11 Yeroo sanatti Hebeer namichi gosa Qeen abbaan niitii Musee sun Qeenota ilmaan Hoobaab kaan irraa citee Qaadesh biratti lafa Zaʼaanaaniim jedhamutti qilxuu guddaa jala dunkaana isaa dhaabbatee ture.
Now Heber the Kenite, which was of the children of Hobab the father in law of Moses, had severed himself from the Kenites, and pitched his tent unto the plain of Zaanaim, which is by Kedesh.
12 Siisaaraan yommuu akka Baaraaqi ilmi Abiinooʼam sun gara Tulluu Taabooritti ol baʼee dhagaʼetti,
And they showed Sisera that Barak the son of Abinoam was gone up to mount Tabor.
13 gaariiwwan sibiilaa dhibba sagalii fi loltoota isaa kanneen Harooshet Hagooyimii hamma Laga Qiishoonitti argaman hundumaa walitti qabate.
And Sisera gathered together all his chariots, even nine hundred chariots of iron, and all the people that were with him, from Harosheth of the Gentiles unto the river of Kishon.
14 Kana irratti Debooraan Baaraaqiin, “Kaʼi! Guyyaan Waaqayyo Siisaaraa dabarsee harka keetti kenne harʼa. Kunoo Waaqayyo si dura baʼeera” jette. Kanaafuu Baaraaqi namoota kuma kudhan fudhatee Tulluu Taaboor irraa gad buʼe.
And Deborah said unto Barak, Up; for this is the day in which the LORD has delivered Sisera into your hand: is not the LORD gone out before you? So Barak went down from mount Tabor, and ten thousand men after him.
15 Waaqayyos akka Siisaaraan, gaariiwwan isaatii fi loltoonni isaa hundinuu goraadeedhaan fuula Baaraaqi duratti moʼatamanii duubatti deebiʼan godhe; Siisaaraan gaarii isaa irraa buʼee miillaan baqate.
And the LORD humiliated Sisera, and all his chariots, and all his host, with the edge of the sword before Barak; so that Sisera lighted down off his chariot, and fled away on his feet.
16 Baaraaqi garuu gaariiwwanii fi loltoota Siisaaraa hamma Harooshet Hagooyimiitti ariʼe; loltoonni Siisaaraa hundinuu goraadeedhaan dhuman. Namni tokko iyyuu hin hafne.
But Barak pursued after the chariots, and after the host, unto Harosheth of the Gentiles: and all the host of Sisera fell upon the edge of the sword; and there was not a man left.
17 Siisaaraan garuu sababii Yaabiin mooticha Haazoorii fi Hebeer namicha balbala Qeen sana gidduu hariiroon gaariin tureef gara dunkaana Yaaʼeel niitii Hebeer sanaatti miillaan baqate.
Nevertheless Sisera fled away on his feet to the tent of Jael the wife of Heber the Kenite: for there was peace between Jabin the king of Hazor and the house of Heber the Kenite.
18 Yaaʼeelis Siisaaraa simachuuf gad baatee, “Kottu yaa gooftaa koo; kottu ol seeni; hin sodaatin” isaan jette. Innis dunkaana ishee seene; isheenis wayyaa isa irra buuftee dhoksite.
And Jael went out to meet Sisera, and said unto him, Turn in, my lord, turn in to me; fear not. And when he had turned in unto her into the tent, she covered him with a mantle.
19 Innis, “Ani dheebodheera; maaloo bishaan naa kenni” jedheen. Isheenis qabee aannanii bantee waan inni dhugu kenniteefii isa dhoksite.
And he said unto her, Give me, I pray you, a little water to drink; for I am thirsty. And she opened a bottle of milk, and gave him drink, and covered him.
20 Innis, “Balbala dunkaanaa dura dhaabadhu; yoo eenyu iyyuu dhufee, ‘Namni as jiraa?’ siin jedhe, ‘hin jiru’ jedhi” isheen jedhe.
Again he said unto her, Stand in the door of the tent, and it shall be, when any man does come and enquire of you, and say, Is there any man here? that you shall say, No.
21 Yaaʼeel niitiin Hebeer garuu utuu Siisaaraan hirriba cimaa keessa jiruu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee suuta jettee bira geesse. Qofoo sanaanis isa waraantee lafatti hodhite; innis ni duʼe.
Then Jael Heber's wife took a nail of the tent, and took an hammer in her hand, and went softly unto him, and stroke the nail into his temples, and fastened it into the ground: for he was fast asleep and weary. So he died.
22 Yommuu Baaraaqi Siisaaraa duukaa buʼee dhufettis, Yaaʼeel isa simachuudhaaf gad baatee, “Kottu nama ati barbaaddu sittan argisiisaa” jetteen. Kanaafuu inni ishee wajjin gara dunkaanichaatti ol seenee Siisaaraa akkuma illeen isaa qofoodhaan waraanametti reeffa isaa arge.
And, behold, as Barak pursued Sisera, Jael came out to meet him, and said unto him, Come, and I will show you the man whom you seek. And when he came into her tent, behold, Sisera lay dead, and the nail was in his temples.
23 Waaqnis gaafa sana akka Yaabiin mootiin Kanaʼaanotaa fuula Israaʼelootaa duratti moʼatamu godhe.
So God subdued on that day Jabin the king of Canaan before the children of Israel.
24 Harki Israaʼelootaas hamma isaan Yaabiin mooticha Kanaʼaanotaa galaafatanitti jajjabaachaa deeme.
And the hand of the children of Israel prospered, and prevailed against Jabin the king of Canaan, until they had destroyed Jabin king of Canaan.

< Abbootii Murtii 4 >