< Iyyaasuu 12 >

1 Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha: 2 Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata. 3 Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture. 4 Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture. 5 Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture. 6 Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne. 7 Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. 8 Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. Mootonnis kanneenii dha: 9 Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko 10 mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko 11 mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko 12 mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko 13 mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko 14 mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko 15 mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko 16 mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko 17 mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko 18 mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko 19 mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko 20 mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko 21 mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko 22 mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko 23 mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko 24 mootii Tiirzaa, tokko. Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.

< Iyyaasuu 12 >