< Iyyoob 29 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: 2 “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture, 3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme, 4 yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise, 5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan, 6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase. 7 “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe, 8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture; 9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture; 10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture. 11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture; 12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii. 13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera. 14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture. 15 Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture. 16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture. 17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera. 18 “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata. 19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula. 20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’ 21 “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu. 22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture. 23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan. 24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture. 25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.

< Iyyoob 29 >