< Iyyoob 27 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: 2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa, 3 hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti, 4 afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu. 5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu. 6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu. 7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu! 8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba? 9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa? 10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa? 11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu. 12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali? 13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana: 14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu. 15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif. 16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee, 17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata. 18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti. 19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru. 20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka. 21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa. 22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata. 23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”

< Iyyoob 27 >