< Iyyoob 24 >

1 “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine? 2 Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu. 3 Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu. 4 Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu. 5 Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna. 6 Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu. 7 Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban. 8 Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu. 9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera. 10 Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu. 11 Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu. 12 Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu. 13 “Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru. 14 Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa. 15 Iji ejjaan dimimmisa eeggata; innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; fuula isaas ni dhokfata. 16 Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; isaan ifa hin beekan. 17 Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu. 18 “Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, qoodni lafa isaanii abaarameera. 19 Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata. (Sheol h7585) 20 Gadameessi isaan irraanfata; raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; siʼachis hin yaadataman. 21 Isaan dubartii dhabduu ni saamu; haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan. 22 Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban. 23 Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata. 24 Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; akkuma mataa midhaaniis ni muramu. 25 “Yoo kun akkas taʼuu baate eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”

< Iyyoob 24 >