< Iyyoob 16 >

1 Iyyoobis akkana jedhee deebise: 2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha! 3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali? 4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis mataa koo isinitti nan raasan ture. 5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture. 6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; cal jedhus na hin dhiisu. 7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; warra mana koo jiru hundas balleessiteerta. 8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile. 9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; ilkaan isaa natti qarate; diinni koo ija isaa natti babaase. 10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; tuffiidhaan maddii koo kabalan; tokko taʼanii natti kaʼan. 11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; harka jalʼootaa keessas na buuse. 12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; morma na qabee na caccabse. Xiyyeeffannaa isaas na godhate; 13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. Inni gara laafina malee kalee koo waraanee hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse. 14 Inni ammumaa amma na caccabsa; akkuma loltuu tokkootti natti fiiga. 15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera. 16 Fuulli koo booʼichaan diimateera; dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera. 17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; kadhannaan koos qulqulluu dha. 18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin! 19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira. 20 Michoonni koo na tuffatu; iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa; 21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee! 22 “Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.

< Iyyoob 16 >