< Iyyoob 13 >

1 “Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera. 2 Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti. 3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada. 4 Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha! 5 Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa. 6 Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa. 7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu? 8 Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu? 9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu? 10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama. 11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu? 12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti. 13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu. 14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha? 15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha. 16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii! 17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu. 18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka. 19 Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas. 20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu. 21 Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin. 22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita. 23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi. 24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta? 25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa? 26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta. 27 Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta. 28 “Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.

< Iyyoob 13 >