< Ermiyaas 9 >

1 Akka ani halkanii guyyaa, saba koo dhume sanaaf booʼuuf, maaloo utuu mataan koo madda bishaanii iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!
Oh that my head were waters, and mine eyes a fountain of tears, that I might weep day and night for the slain of the daughter of my people!
2 Ani akkan saba koo dhiisee biraa fagaadhuuf, maaloo utuu gammoojjii keessaa lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee! Hundi isaanii sagaagaltoota, tuuta saba hin amanamne tokkoo ti.
Oh that I had in the wilderness a lodging place of travelling men; that I might leave my people, and go from them! for they be all adulterers, an assembly of treacherous men.
3 “Isaan soba darbachuuf arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; isaan biyyattii keessatti dhugaadhaan hin moʼanne. Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; anaanis hin beekan” jedha Waaqayyo.
And they bend their tongues like their bow for lies: but they are not valiant for the truth upon the earth; for they proceed from evil to evil, and they know not me, says the LORD.
4 “Michoota keessan irraa of eegaa; obboleessa hin amaninaa. Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, michuun hundis maqa balleessituudhaatii.
Take all of you heed every one of his neighbour, and trust all of you not in any brother: for every brother will utterly supplant, and every neighbour will walk with slanders.
5 Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru.
And they will deceive every one his neighbour, and will not speak the truth: they have taught their tongue to speak lies, and weary themselves to commit iniquity.
6 Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha Waaqayyo.
your habitation is in the midst of deceit; through deceit they refuse to know me, says the LORD.
7 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa?
Therefore thus says the LORD of hosts, Behold, I will melt them, and try them; for how shall I do for the daughter of my people?
8 Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.
Their tongue is as an arrow shot out; it speaks deceit: one speaks peaceably to his neighbour with his mouth, but in heart he lays his wait.
9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, haaloo hin baʼuu ree?”
Shall I not visit them for these things? says the LORD: shall not my soul be avenged on such a nation as this?
10 Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa; lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa. Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu; marʼachuun looniis hin dhagaʼamu. Simbirroonni samii achii baqataniiru; bineensonnis godaananiiru.
For the mountains will I take up a weeping and wailing, and for the habitations of the wilderness a lamentation, because they are burned up, so that none can pass through them; neither can men hear the voice of the cattle; both the fowl of the heavens and the beast are fled; they are gone.
11 “Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi boolla waangoo nan godha; akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
And I will make Jerusalem heaps, and a den of dragons; and I will make the cities of Judah desolate, without an inhabitant.
12 Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni Waaqayyoon qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte?
Who is the wise man, that may understand this? and who is he to whom the mouth of the LORD has spoken, that he may declare it, for what the land perishes and is burned up like a wilderness, that none passes through?
13 Waaqayyo akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune.
And the LORD says, Because they have forsaken my law which I set before them, and have not obeyed my voice, neither walked therein;
14 Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.”
But have walked after the imagination of their own heart, and after Baalim, which their fathers taught them:
15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha.
Therefore thus says the LORD of hosts, the God of Israel; Behold, I will feed them, even this people, with wormwood, and give them water of gall to drink.
16 Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.”
I will scatter them also among the heathen, whom neither they nor their fathers have known: and I will send a sword after them, till I have consumed them.
17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Mee qalbeeffadhaa! Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa; isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti nama ergaa waamsisaa.
Thus says the LORD of hosts, Consider all of you, and call for the mourning women, that they may come; and send for cunning women, that they may come:
18 Isaan dafanii dhufanii hamma iji keenya imimmaan yaasee bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti iyyanii nuuf haa booʼan.
And let them make haste, and take up a wailing for us, that our eyes may run down with tears, and our eyelids gush out with waters.
19 Sagaleen booʼichaa kan, ‘Nu hammam badneerra! Qaaniin keenyas hammam guddaa dha! Sababii manneen keenya diigamaniif nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.”
For a voice of wailing is heard out of Zion, How are we spoiled! we are greatly confounded, because we have forsaken the land, because our dwellings have cast us out.
20 Yaa dubartoota, egaa dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa. Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa; faaruus wal barsiisaa.
Yet hear the word of the LORD, O all of you women, and let your ear receive the word of his mouth, and teach your daughters wailing, and every one her neighbour lamentation.
21 Duuti foddaa keenyaan ol lixeera; daʼannoowwan keenyas seeneera; innis daandiiwwan irraa ijoollee oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera.
For death has come up into our windows, and is entered into our palaces, to cut off the children from without, and the young men from the streets.
22 Ati akkana jedhi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Reeffi namootaa akkuma kosii diidatti gatamee, akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’”
Speak, Thus says the LORD, Even the carcasses of men shall fall as dung upon the open field, and as the handful after the harvestman, and none shall gather them.
23 Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
Thus says the LORD, Let not the wise man glory in his wisdom, neither let the mighty man glory in his might, let not the rich man glory in his riches:
24 namni boonu garuu, akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu, kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; ani waan kanatti nan gammadaatii,” jedha Waaqayyo.
But let him that glories glory in this, that he understands and knows me, that I am the LORD which exercise loving kindness, judgment, and righteousness, in the earth: for in these things I delight, says the LORD.
25 Waaqayyo akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis:
Behold, the days come, says the LORD, that I will punish all them which are circumcised with the uncircumcised;
26 Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.”
Egypt, and Judah, and Edom, and the children of Ammon, and Moab, and all that are in the utmost corners, that dwell in the wilderness: for all these nations are uncircumcised, and all the house of Israel are uncircumcised in the heart.

< Ermiyaas 9 >