< Ermiyaas 47 >

1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha: 2 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. Uummanni ni booʼa; warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu; 3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, girrisa gaariiwwan diinaatii fi qaqawweessa goommaa isaaniitiif. Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa. 4 Filisxeemota hunda balleessuuf hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa gargaaruuf hafan hundas balleessuuf guyyaan sun dhufeeraatii. Waaqayyo Filisxeemota, hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera. 5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; Ashqaloon ni calʼisti. Yaa hambaa dirree irraa isin hamma yoomiitti of ciccirtu? 6 “Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo ati hamma yoomiitti hin boqonne? Manʼee keetti deebiʼi; calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu. 7 Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu, yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

< Ermiyaas 47 >