< Ermiyaas 16 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2 “Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.” 3 Waaqayyo waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii: 4 “Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.” 5 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha Waaqayyo. 6 “Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu. 7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu. 8 “Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin. 9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa. 10 “Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Waaqayyo maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Waaqayyo Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti, 11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Waaqayyo; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne. 12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii. 13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’ 14 “Taʼus” jedha Waaqayyo, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa, 15 isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii. 16 “Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha Waaqayyo; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu. 17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu. 18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.” 19 Yaa Waaqayyo, jabina kootii fi daʼannoo ko, daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, ormoonni handaara lafaatii gara kee dhufanii akkana jedhu, “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle. 20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!” 21 “Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; yeroo kanatti ani humna koo fi jabina koo isaan nan barsiisa. Yoos isaan akka maqaan koo Waaqayyo taʼe ni beeku.

< Ermiyaas 16 >