< Ermiyaas 15 >

1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman!
Then said the LORD unto me, Though Moses and Samuel stood before me, yet my mind could not be toward this people: cast them out of my sight, and let them go forth.
2 Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa, namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee, namni beelaaf ramadame gara beelaa, namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’
And it shall come to pass, when they say unto thee, Whither shall we go forth? then thou shalt tell them, Thus saith the LORD: Such as are for death, to death; and such as are for the sword, to the sword; and such as are for the famine, to the famine; and such as are for captivity, to captivity.
3 “Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha Waaqayyo. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga.
And I will appoint over them four kinds, saith the LORD: the sword to slay, and the dogs to tear, and the fowls of the heaven, and the beasts of the earth, to devour and to destroy.
4 Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha.
And I will cause them to be tossed to and fro among all the kingdoms of the earth, because of Manasseh the son of Hezekiah king of Judah, for that which he did in Jerusalem.
5 “Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa? Eenyutu siif booʼa? Eenyutu si dubbisuuf sitti gora?
For who shall have pity upon thee, O Jerusalem? or who shall bemoan thee? or who shall turn aside to ask of thy welfare?
6 Ati na dhiifteerta; ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta” jedha Waaqayyo. “Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa; ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu.
Thou hast rejected me, saith the LORD, thou art gone backward: therefore have I stretched out my hand against thee, and destroyed thee; I am weary with repenting.
7 Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti, qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna. Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida; isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii.
And I have fanned them with a fan in the gates of the land; I have bereaved [them] of children, I have destroyed my people; they have not returned from their ways.
8 Ani haadhota hiyyeessaa isaanii cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa. Ani haadhota dargaggoota isaaniitti, guyyuma saafaadhaan waan isaan balleessu tokko nan fida; ani goolii fi naasuu akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa.
Their widows are increased to me above the sand of the seas: I have brought upon them against the mother of the young men a spoiler at noonday: I have caused anguish and terrors to fall upon her suddenly.
9 Haati ilmaan torbaa gaggabdee hafuura dhumaa baafatti. Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti; isheenis salphattee namaa gad taati. Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti goraadeef dabarsee nan kenna” jedha Waaqayyo.
She that hath borne seven languisheth; she hath given up the ghost; her sun is gone down while it was yet day; she hath been ashamed and confounded: and the residue of them will I deliver to the sword before their enemies, saith the LORD.
10 Wayyoo yaa haadha ko, kan ana nama biyyattii guutuu loluu fi falmu deesse? Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne; namni hundi garuu na abaara.
Woe is me, my mother, that thou hast borne me a man of strife and a man of contention to the whole earth! I have not lent on usury, neither have men lent to me on usury; [yet] every one of them doth curse me.
11 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara; Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti, akka diinonni kee si kadhatan nan godha.
The LORD said, Verily I will strengthen thee for good; verily I will cause the enemy to make supplication unto thee in the time of evil and in the time of affliction.
12 “Namni kam iyyuu sibiila, sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa?
Can one break iron, even iron from the north, and brass?
13 “Sababii cubbuu kee hunda kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif ani badhaadhummaa keetii fi qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna.
Thy substance and thy treasures will I give for a spoil without price, and that for all thy sins, even in all thy borders.
14 Sababii dheekkamsi koo ibidda ishee gubu qabsiisuuf, ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa.”
And I will make [them] to pass with thine enemies into a land which thou knowest not: for a fire is kindled in mine anger, which shall burn upon you.
15 Yaa Waaqayyo situ beeka; na yaadadhu; na tiksis. Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi. Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin; akka ani siif jedhee tuffatamu beeki.
O LORD, thou knowest: remember me, and visit me, and avenge me of my persecutors; take me not away in thy longsuffering: know that for thy sake I have suffered reproach.
16 Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
Thy words were found, and I did eat them; and thy words were unto me a joy and the rejoicing of mine heart: for I am called by thy name, O LORD God of hosts.
17 Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye; gonkumaa isaan wajjin hin gammanne; sababii harki kee narra turee fi sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe.
I sat not in the assembly of them that make merry, nor rejoiced: I sat alone because of thy hand; for thou hast filled me with indignation.
18 Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe? Madaan koos maaliif fayyuu dide? Ati akka laga nama gowwoomsuu akka burqaa goguus natti taataa?
Why is my pain perpetual, and my wound incurable, which refuseth to be healed? wilt thou indeed be unto me as a deceitful [brook], as waters that fail?
19 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ati qalbii jijjiirratte, ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba; Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata. Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu.
Therefore thus saith the LORD, If thou return, then will I bring thee again, that thou mayest stand before me; and if thou take forth the precious from the vile, thou shalt be as my mouth: they shall return unto thee, but thou shalt not return unto them.
20 Ani saba kanaaf dallaa dhagaa, dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa; isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
And I will make thee unto this people a fenced brasen wall; and they shall fight against thee, but they shall not prevail against thee: for I am with thee to save thee and to deliver thee, saith the LORD.
21 “Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa; harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.”
And I will deliver thee out of the hand of the wicked, and I will redeem thee out of the hand of the terrible.

< Ermiyaas 15 >