< Isaayyaas 62 >

1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa, fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti, ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu; waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu. 2 Saboonni qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee ni argu; ati maqaa haaraa, kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta. 3 Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa, harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata. 4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu, yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu. Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta; biyyi kees “kan heerumte” jedhamti; Waaqayyo sitti gammadaatii, biyyi kee ni heerumti. 5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, ilmaan kee si fuudhu; akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, Waaqni kees sitti gammada. 6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera; isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. Isin warri Waaqayyoon waammattan, ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa; 7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa. 8 Waaqayyo akkana jedhee harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera; “Ani lammata midhaan kee nyaata godhee diinota keetiif hin kennu; namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa kan ati itti dadhabde hin dhugan; 9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu; Waaqayyoonis ni galateeffatu; warri ija wayinii guurratanis oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.” 10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa! Uummataaf karaa qopheessaa. Tolchaa; karaa guddaa tolchaa! Dhagaawwan bubuqqisaa. Sabootaafis faajjii ol qabaa. 11 Waaqayyo akkana jedhee hamma moggaa lafaatti labseera; “Intala Xiyooniin akkana jedhaa: ‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa! Badhaasni isaa kunoo isa harka jira; beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’” 12 Isaanis Saba Qulqulluu, Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu; atis barbaadamtuu, Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.

< Isaayyaas 62 >