< Isaayyaas 56 >

1 Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, “Murtii qajeelaa eegaa; waan qajeelaas hojjedhaa. 2 Namni waan kana hojjetu, kan waan kanattis cimu, kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.” 3 Alagaan Waaqayyotti cichee tokko, “Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. Xuʼaashiin kam iyyuus, “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin. 4 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, kanneen waan na gammachiisu filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif, 5 ani mana qulqullummaa kootii fi dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; ani maqaa bara baraa kan hin haqamne isaaniif nan kenna. 6 Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa Waaqayyoo jaallachuuf, isa waaqeffachuuf Waaqayyotti cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda, 7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.” 8 Waaqayyo Gooftaan, inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.” 9 Bineensonni dirree hundi, bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa! 10 Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu. 11 Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu. 12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”

< Isaayyaas 56 >