< Isaayyaas 52 >

1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; jabina kee uffadhu! Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. Namoonni dhagna hin qabaminii fi xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan. 2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; kaʼiitii teessoo irra taaʼi. Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, foncaa morma keetii of irraa hiiki. 3 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; amma immoo maallaqa malee furamtan.” 4 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse. 5 “Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera; warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo. “Guyyaa guutuus, maqaan koo ittuma fufee arrabsama. 6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate akka ana taʼe ni beeku. Eeyyee, inni anuma.” 7 Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha! 8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu. 9 Yaa diigamtoota Yerusaalem tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee Yerusaaleminis fureeraa. 10 Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti, irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; handaarri lafaa hundis fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu. 11 Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa. 12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; yookaan baqattanii hin deemtan; Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii; Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega. 13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata. 14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera; 15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; waan hin dhagaʼinis ni hubatu.

< Isaayyaas 52 >