< Isaayyaas 46 >

1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; horii dadhabeef baʼaa dha. 2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; isaan iyyuu ni boojiʼamu. 3 “Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa. 4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras. 5 “Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu? 6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf. 7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu. 8 “Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa. 9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; ani Waaqa; kan biraa hin jiru; ani Waaqa; kan akka koo hin jiru. 10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha. 11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. Ani waanan dubbadhe nan guuta; waanan karoorfadhes nan raawwadha. 12 Yaa mata jabeeyyii, isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa. 13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin barfatu. Ani Xiyooniif fayyina, Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.

< Isaayyaas 46 >