< Isaayyaas 4 >

1 Bara sana keessa dubartoonni torba nama tokkicha qabatanii, “Nu nyaatuma keenya nyaanna; uffata keenya uffanna; garuu maqaa keetiin haa waamamnu. Salphina keenya nurraa fageessi!” jedhuun. 2 Bara sana keessa dameen Waaqayyoo bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa. 3 Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu. 4 Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa. 5 Ergasiis Waaqayyo guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata. 6 Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.

< Isaayyaas 4 >