< Isaayyaas 35 >

1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. Akka arfaasee, 2 baayʼinaan daraara; akka malee gammadees ililcha. Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi Shaaroon ni kennamaaf; isaan ulfina Waaqayyoo, surraa Waaqa keenyaas ni argu. 3 Harka dadhabe jajjabeessaa; jilba laafes cimsaa; 4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.” 5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama; gurri nama duudaas ni dhagaʼa. 6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. Bishaan gammoojjii keessaa, burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa. 7 Lafti nama gubu haroo, lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila. 8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; gowwoonni achiinuu hin baʼan. 9 Leenci achitti hin argamu; yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; isaan achitti hin argaman. Garuu warra furaman qofatu achi irra deema; 10 warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.

< Isaayyaas 35 >