< Hooseʼaa 6 >

1 “Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana. 2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba. 3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa. 4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti. 5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa. 6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha. 7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne. 8 Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha. 9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu. 10 Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe. 11 “Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

< Hooseʼaa 6 >