< Hooseʼaa 10 >

1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate. 2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa. 3 Ergasii isaan akkana jedhu; “Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu inni silaa maal nuuf godha?” 4 Isaan waan hedduu waadaa galu; kakuu sobaas seenanii walii galtee uummatu; kanaafuu seera dhabeeyyiin akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu. 5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. Sabni ishee isheedhaaf booʼa. Luboonni ishee ejjitoonni warri ulfina isheetiin gammadan sunis sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu. 6 Jabbichis akka harka fuudhaatti Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. Efreem ni salphifama; Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti. 7 Samaariyaa fi mootiin ishee akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu. 8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; kunis cubbuu Israaʼel. Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee iddoo aarsaa isaanii haguuga. Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu. 9 “Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu; ammas achumatti haftaniirtu. Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee jalʼoota hin fixuu? 10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba; sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu. 11 Efreem goromsa leenjifame kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; kanaafuu ani morma ishee irra waanjoo nan kaaʼa. Ani Efreemin nan oofa; Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba. 12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; yeroon kun yeroo hamma inni dhufee qajeelummaa isinitti roobsutti Waaqayyoon barbaaddataniitii. 13 Isin garuu hammina facaafattanii jalʼina haammattan; isin ija sobaa nyaattaniirtu. Sababii ati jabina keetii fi loltoota kee baayʼee sana abdatteef, 14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa. 15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, wanni akkasii sittis ni dhufti. Gaafa guyyaan sun bariʼutti mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

< Hooseʼaa 10 >