< Uumama 44 >

1 Yoosefis akkana jedhee hangafa hojjettoota mana isaa ajaje; “Qalqalloo jara kanaa hamma baachuu dandaʼutti midhaan itti guuti; meetii tokkoo tokkoo isaaniis afaan qalqalloo isaanii keessa kaaʼi.
Then he gave orders to the servant who was over his house, saying, Put as much food into the men's bags as will go into them, and put every man's money in the mouth of his bag;
2 Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame immoo meetii inni ittiin midhaan bitachuu dhufe wajjin afaan qalqalloo isa quxisuu sanaa keessa kaaʼi.” Namichis akkuma Yoosef isa ajaje godhe.
And put my cup, my silver cup, in the youngest one's bag, with his money. So he did as Joseph said.
3 Namoonni sun akkuma lafti bariiteen harroota isaanii wajjin geggeeffaman.
And at dawn the men, with their asses, were sent away.
4 Utuma isaan magaalaa sana irraa hin fagaatin Yoosef hangafa hojjettoota isaatiin akkana jedhe; “Dafii jara kana duukaa buʼi; yommuu qaqqabdutti immoo akkana jedhiin; ‘Isin maaliif waan gaarii waan hamaadhaan deebiftu?
And when they had gone only a little way out of the town, Joseph said to the servant who was over his house, Go after them; and when you overtake them, say to them, Why have you done evil in reward for good?
5 Xoofoon kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi ittiin waa himu mitii? Isin waan kana gochuudhaan waan hamaa hojjettan.’”
Is not this the cup from which my lord takes wine and by which he gets knowledge of the future? Truly, you have done evil.
6 Innis yommuu isaan qaqqabetti waanuma kana isaanitti dubbate.
So he overtook them and said these words to them.
7 Jarris akkana isaan jedhan; “Gooftaan koo maaliif dubbii akkanaa dubbata? Waan akkanaa hojjechuun tajaajiltoota kee irraa haa fagaatu!
And they said to him, Why does my lord say such words as these? far be it from your servants to do such a thing:
8 Kunoo nu meetii afaan qalqalloo keenyaa keessatti arganne iyyuu biyya Kanaʼaaniitii deebifnee siif fidne. Yoos nu maaliif mana gooftaa keetiitii meetii yookaan warqee hanna ree?
See, the money which was in the mouth of our bags we gave back to you when we came again from Canaan: how then might we take silver or gold from your lord's house?
9 Tajaajiltoota kee keessaa namni wanni kun biratti argame kam iyyuu haa duʼu; nu warri hafne immoo garboota gooftaa koo ni taana.”
If it comes to light that any of your servants has done this, let him be put to death, and we will be your lord's servants.
10 Inni immoo jaraan, “Amma akkuma isin jettan haa taʼu; abbaan wanti kun biratti argame garbicha naaf taʼa; isin warri kaan immoo gad dhiifamtu” jedhe.
And he said, Let it be as you say: he in whose bag it is seen will become my servant; and you will not be responsible.
11 Tokkoon tokkoon isaanii dafanii qalqalloo isaanii lafa keeyyatanii hiikan.
Then every man quickly got his bag down and undid it.
12 Hangafni hojjettootaa sunis hangafaa jalqabee hamma quxisuutti sakattaʼe. Xoofoon sunis qalqalloo Beniyaam keessatti argame.
And he made a search, starting with the oldest and ending with the youngest; and the cup was in Benjamin's bag.
13 Kana irratti isaan uffata isaanii tarsaasan. Hundi isaanii harroota isaanii feʼatanii magaalattiitti deebiʼan.
Then in bitter grief they put the bags on the asses again and went back to the town.
14 Yoosef yeroo Yihuudaa fi obboloonni isaa ol seenanitti amma iyyuu mana keessa ture; isaanis fuula isaa duratti kukkufan.
So Judah and his brothers came to Joseph's house; and he was still there: and they went down on their faces before him.
15 Yoosefis, “Wanti isin hojjettan kun maal? Akka namni akka kootii hooda himuudhaan waa arguu dandaʼu isin hin beektanii?” isaaniin jedheen.
And Joseph said, What is this thing which you have done? had you no thought that such a man as I would have power to see what is secret?
16 Yihuudaan immoo akkana jedhee deebise; “Nu gooftaa kootiin maal jechuu dandeenya? Nu maal dubbachuu dandeenya? Nu qulqulluu taʼuu keenya akkamiin mirkaneessuu dandeenya? Waaqni balleessaa garboota keetii ifatti baaseera. Kunoo nu garboota gooftaa koo ti; nu hundi keenya, namni xoofoon sun biratti argames garboota kee ti.”
And Judah said, What are we to say to my lord? how may we put ourselves right in his eyes? God has made clear the sin of your servants: now we are in your hands, we and the man in whose bag your cup was seen.
17 Yoosef garuu, “Waan akkanaa hojjechuun narraa haa fagaatu! Nama xoofoon biratti argame qofatu garbicha koo taʼa. Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.
Then he said, Far be it from me to do so: but the man who had my cup will be my servant; and you may go back to your father in peace.
18 Yihuudaan immoo Yoosefitti dhiʼaatee akkana jedhe: “Maaloo gooftaa ko, akka garbichi kee waan tokko gooftaa kootti dubbatu eeyyamiif. Ati akkuma Faraʼoon taatus garbicha keetti hin aarin.
Then Judah came near him, and said, Let your servant say a word in my lord's ears, and let not your wrath be burning against your servant: for you are in the place of Pharaoh to us.
19 Gooftaan koo, ‘Isin abbaa yookaan obboleessa qabduu?’ jedhee garboota isaa gaafatee ture.
My lord said to his servants, Have you a father or a brother?
20 Nus, ‘Abbaa dulloomaa tokko qabna; ilmi quxisuun bara dulluma isaa keessa isaaf dhalate tokkos jira. Obboleessi isaas duʼeera; ijoollee haati isaa deesse keessaa isa qofatu hafe; abbaan isaa isa jaallata’ jennee turre.
And we said to my lord, We have an old father and a young child, whom he had when he was old; his brother is dead and he is the only son of his mother, and is very dear to his father.
21 “Atis garboota keetiin, ‘Akka ani ija kootiin isa arguuf naa fidaa’ jette.
And you said to your servants, Let him come down to me with you, so that I may see him.
22 Nus gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu; yoo inni isa dhiisee biraa deeme abbaan isaa ni duʼa’ jenne.
And we said to my lord, His father will not let him go; for if he went away his father would come to his death.
23 Ati immoo garboota keetiin, ‘Yoo obboleessi keessan inni quxisuun isin wajjin dhufuu baate, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette.
But you said to your servants, If your youngest brother does not come with you, you will not see my face again.
24 Nus yeroo gara garbicha kee abbaa kootti deebinetti waan gooftaan koo jedhe isatti himne.
And when we went back to your servant, our father, we gave him an account of my lord's words.
25 “Abbaan keenya, ‘Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa’ nuun jedhe.
And our father said, Go again and get us a little food.
26 Nu garuu, ‘Nu dhaquu hin dandeenyu; yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin jiraate qofa dhaqna. Yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin dhaquu baate nu fuula namichaa arguu hin dandeenyu’ jenne.
And we said, Only if our youngest brother goes with us will we go down; for we may not see the man's face again if our youngest brother is not with us.
27 “Abbaan koo garbichi kee immoo akkana nuun jedhe; ‘Akka niitiin koo ilmaan lama naa deesse isin ni beektu.
And our father said to us, You have knowledge that my wife gave me two sons;
28 Isaan keessaas inni tokko na biraa baʼe; anis, “Inni dhugumaan ciccirameera” nan jedhe. Ani ergasii isa hin argine.
The one went away from me, and I said, Truly he has come to a violent death; and from that time I have not seen him,
29 Yoo isin isa kanas na duraa fuutanii balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.’ (Sheol h7585)
If now you take this one from me, and some evil comes to him, you will make my grey head go down in sorrow to the underworld. (Sheol h7585)
30 “Kanaafuu amma yeroo ani gara garbicha kee abbaa kootti deebiʼutti, yoo mucichi nu wajjin jiraachuu baate abbaan koo kan jireenyi isaa jireenya mucichaatiin walitti hidhame sun,
If then I go back to your servant, my father, without the boy, because his life and the boy's life are one,
31 akka mucichi nu wajjin hin jirre argee duʼa. Nu garboonni kees akka arriin abbaa keenya garbicha keetii gaddaan awwaala seenu goona. (Sheol h7585)
When he sees that the boy is not with us, he will come to his death, and our father's grey head will go down in sorrow to the underworld. (Sheol h7585)
32 Ani garbichi kee akka mucaan kun nagaadhaan deebiʼu abbaa koo duratti wabii taʼee, ‘Yaa abbaa ko, yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula abbaa koo duratti balleessaa kanatti nan gaafatama!’ jedhe.
For I made myself responsible for the boy to my father, saying, If I do not give him safely back to you, let mine be the sin for ever.
33 “Egaa amma ani garbichi kee iddoo mucichaa garbicha gooftaa koo taʼee asitti nan hafa; mucichi immoo obboloota isaa wajjin haa deebiʼu.
So now let me be my lord's servant here in place of the boy, and let him go back with his brothers.
34 Yoo mucichi na wajjin hin jiraatin ani akkamittin gara abbaa kootii deebiʼuu dandaʼa? Waawuu; akka ani gadda abbaa kootti dhufu argu na hin godhin.”
For how may I go back to my father without the boy, and see the evil which will come on my father?

< Uumama 44 >