< Uumama 15 >

1 Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe; “Yaa Abraam hin sodaatin; ani gaachana keetii fi gatii kee guddicha.”
Después de estas cosas vino la palabra del SEÑOR a Abram en visión, diciendo: No temas, Abram; yo soy tu escudo, y tu galardón será sobremanera grande.
2 Abraam garuu, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe.
Y respondió Abram: Señor DIOS ¿qué me has de dar, siendo así que yo ando solo, y el mayordomo de mi casa es el damasceno Eliezer?
3 Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe.
Dijo más Abram: He aquí no me has dado simiente, y he aquí el hijo de mi casa me hereda.
4 Kunoo dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe.
Y luego la palabra del SEÑOR vino a él diciendo: No te heredará éste, sino el que saldrá de tus entrañas, aquél te heredará.
5 Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen.
Y le sacó fuera, y dijo: Mira ahora a los cielos, y cuenta las estrellas, si las puedes contar. Y le dijo: Así será tu simiente.
6 Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.
Y creyó al SEÑOR, y se lo contó por justicia.
7 Innis, “Ani Waaqayyo isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha” jedheen.
Y le dijo: Yo soy el SEÑOR, que te saqué de Ur de los caldeos, para darte a heredar esta tierra.
8 Abraam garuu, “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?” jedhe.
Y él respondió: Señor DIOS ¿en qué conoceré que la tengo de heredar?
9 Kanaafuu Waaqayyo, “Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi” jedheen.
Y le dijo: Apártame una becerra de tres años, y una cabra de tres años, y un carnero de tres años, una tórtola también, y un palomino.
10 Abraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne.
Y tomó él todas estas cosas, y las partió por la mitad, y puso cada mitad una enfrente de otra; mas no partió las aves.
11 Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Abraam garuu irraa ariʼe.
Y descendían aves sobre los cuerpos muertos, y las ojeaba Abram.
12 Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Abraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe.
Y fue que poniéndose el sol cayó sueño sobre Abram, y he aquí que un temor, una oscuridad grande cayó sobre él.
13 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki.
Entonces dijo a Abram: Ten por cierto que tu simiente será peregrina en tierra no suya, y les servirán, y serán afligidos cuatrocientos años.
14 Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu.
Mas también a la gente a quien servirán, juzgo yo; y después de esto saldrán con grande riqueza.
15 Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee awwaalamta.
Y tú vendrás a tus padres en paz, y serás sepultado en buena vejez.
16 Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii.”
Y en la cuarta generación volverán acá; porque aun no está cumplida la maldad del amorreo hasta aquí.
17 Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe.
Y sucedió que puesto el sol, y hubo una oscuridad, y he aquí un horno de humo, y una antorcha de fuego que pasó por entre las mitades.
18 Gaafa sanas Waaqayyo akkana jedhee Abraam wajjin kakuu gale; “Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna;
Aquel día hizo el SEÑOR pacto con Abram diciendo: A tu simiente daré esta tierra desde el río de Egipto hasta el río grande, el río Eufrates;
19 kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas,
al cineo, y al cenezeo, y al cadmoneo,
20 kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa,
al heteo, y al ferezeo, y al rafeo,
21 Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha.”
y al amorreo, y al cananeo, y al gergeseo, y al jebuseo.

< Uumama 15 >