< Hisqiʼeel 40 >

1 Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki Waaqayyoo narra ture; innis achi na geesse.
בעשרים וחמש שנה לגלותנו בראש השנה בעשור לחדש בארבע עשרה שנה אחר אשר הכתה העיר בעצם היום הזה היתה עלי יד יהוה ויבא אתי שמה׃
2 Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture.
במראות אלהים הביאני אל ארץ ישראל ויניחני אל הר גבה מאד ועליו כמבנה עיר מנגב׃
3 Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture.
ויביא אותי שמה והנה איש מראהו כמראה נחשת ופתיל פשתים בידו וקנה המדה והוא עמד בשער׃
4 Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.”
וידבר אלי האיש בן אדם ראה בעיניך ובאזניך שמע ושים לבך לכל אשר אני מראה אותך כי למען הראותכה הבאתה הנה הגד את כל אשר אתה ראה לבית ישראל׃
5 Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture.
והנה חומה מחוץ לבית סביב סביב וביד האיש קנה המדה שש אמות באמה וטפח וימד את רחב הבנין קנה אחד וקומה קנה אחד׃
6 Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
ויבוא אל שער אשר פניו דרך הקדימה ויעל במעלתו וימד את סף השער קנה אחד רחב ואת סף אחד קנה אחד רחב׃
7 Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
והתא קנה אחד ארך וקנה אחד רחב ובין התאים חמש אמות וסף השער מאצל אולם השער מהבית קנה אחד׃
8 Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare;
וימד את אלם השער מהבית קנה אחד׃
9 balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture.
וימד את אלם השער שמנה אמות ואילו שתים אמות ואלם השער מהבית׃
10 Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan.
ותאי השער דרך הקדים שלשה מפה ושלשה מפה מדה אחת לשלשתם ומדה אחת לאילם מפה ומפו׃
11 Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture.
וימד את רחב פתח השער עשר אמות ארך השער שלוש עשרה אמות׃
12 Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan.
וגבול לפני התאות אמה אחת ואמה אחת גבול מפה והתא שש אמות מפו ושש אמות מפו׃
13 Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture.
וימד את השער מגג התא לגגו רחב עשרים וחמש אמות פתח נגד פתח׃
14 Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame.
ויעש את אילים ששים אמה ואל איל החצר השער סביב סביב׃
15 Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe.
ועל פני השער היאתון על לפני אלם השער הפנימי חמשים אמה׃
16 Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan.
וחלונות אטמות אל התאים ואל אליהמה לפנימה לשער סביב סביב וכן לאלמות וחלונות סביב סביב לפנימה ואל איל תמרים׃
17 Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture.
ויביאני אל החצר החיצונה והנה לשכות ורצפה עשוי לחצר סביב סביב שלשים לשכות אל הרצפה׃
18 Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha.
והרצפה אל כתף השערים לעמת ארך השערים הרצפה התחתונה׃
19 Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture.
וימד רחב מלפני השער התחתונה לפני החצר הפנימי מחוץ מאה אמה הקדים והצפון׃
20 Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare.
והשער אשר פניו דרך הצפון לחצר החיצונה מדד ארכו ורחבו׃
21 Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
ותאו שלושה מפו ושלשה מפו ואילו ואלמו היה כמדת השער הראשון חמשים אמה ארכו ורחב חמש ועשרים באמה׃
22 Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture.
וחלונו ואלמו ותמרו כמדת השער אשר פניו דרך הקדים ובמעלות שבע יעלו בו ואילמו לפניהם׃
23 Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
ושער לחצר הפנימי נגד השער לצפון ולקדים וימד משער אל שער מאה אמה׃
24 Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture.
ויולכני דרך הדרום והנה שער דרך הדרום ומדד אילו ואילמו כמדות האלה׃
25 Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
וחלונים לו ולאילמו סביב סביב כהחלנות האלה חמשים אמה ארך ורחב חמש ועשרים אמה׃
26 Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture.
ומעלות שבעה עלותו ואלמו לפניהם ותמרים לו אחד מפו ואחד מפו אל אילו׃
27 Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture.
ושער לחצר הפנימי דרך הדרום וימד משער אל השער דרך הדרום מאה אמות׃
28 Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture.
ויביאני אל חצר הפנימי בשער הדרום וימד את השער הדרום כמדות האלה׃
29 Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
ותאו ואילו ואלמו כמדות האלה וחלונות לו ולאלמו סביב סביב חמשים אמה ארך ורחב עשרים וחמש אמות׃
30 Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture.
ואלמות סביב סביב ארך חמש ועשרים אמה ורחב חמש אמות׃
31 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
ואלמו אל חצר החצונה ותמרים אל אילו ומעלות שמונה מעלו׃
32 Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
ויביאני אל החצר הפנימי דרך הקדים וימד את השער כמדות האלה׃
33 Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
ותאו ואלו ואלמו כמדות האלה וחלונות לו ולאלמו סביב סביב ארך חמשים אמה ורחב חמש ועשרים אמה׃
34 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
ואלמו לחצר החיצונה ותמרים אל אלו מפו ומפו ושמנה מעלות מעלו׃
35 Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
ויביאני אל שער הצפון ומדד כמדות האלה׃
36 Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
תאו אלו ואלמו וחלונות לו סביב סביב ארך חמשים אמה ורחב חמש ועשרים אמה׃
37 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
ואילו לחצר החיצונה ותמרים אל אילו מפו ומפו ושמנה מעלות מעלו׃
38 Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture.
ולשכה ופתחה באילים השערים שם ידיחו את העלה׃
39 Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture.
ובאלם השער שנים שלחנות מפו ושנים שלחנות מפה לשחוט אליהם העולה והחטאת והאשם׃
40 Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture.
ואל הכתף מחוצה לעולה לפתח השער הצפונה שנים שלחנות ואל הכתף האחרת אשר לאלם השער שנים שלחנות׃
41 Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture.
ארבעה שלחנות מפה וארבעה שלחנות מפה לכתף השער שמונה שלחנות אליהם ישחטו׃
42 Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan.
וארבעה שלחנות לעולה אבני גזית ארך אמה אחת וחצי ורחב אמה אחת וחצי וגבה אמה אחת אליהם ויניחו את הכלים אשר ישחטו את העולה בם והזבח׃
43 Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan.
והשפתים טפח אחד מוכנים בבית סביב סביב ואל השלחנות בשר הקרבן׃
44 Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera.
ומחוצה לשער הפנימי לשכות שרים בחצר הפנימי אשר אל כתף שער הצפון ופניהם דרך הדרום אחד אל כתף שער הקדים פני דרך הצפן׃
45 Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha;
וידבר אלי זה הלשכה אשר פניה דרך הדרום לכהנים שמרי משמרת הבית׃
46 kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara Waaqayyootti dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.”
והלשכה אשר פניה דרך הצפון לכהנים שמרי משמרת המזבח המה בני צדוק הקרבים מבני לוי אל יהוה לשרתו׃
47 Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture.
וימד את החצר ארך מאה אמה ורחב מאה אמה מרבעת והמזבח לפני הבית׃
48 Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture.
ויבאני אל אלם הבית וימד אל אלם חמש אמות מפה וחמש אמות מפה ורחב השער שלש אמות מפו ושלש אמות מפו׃
49 Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan.
ארך האלם עשרים אמה ורחב עשתי עשרה אמה ובמעלות אשר יעלו אליו ועמדים אל האילים אחד מפה ואחד מפה׃

< Hisqiʼeel 40 >