< Baʼuu 31 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the LORD spoke unto Moses, saying,
2 “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera;
See, I have called by name Bezaleel the son of Uri, the son of Hur, of the tribe of Judah:
3 ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera;
And I have filled him with the spirit of God, in wisdom, and in understanding, and in knowledge, and in all manner of workmanship,
4 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf;
To devise cunning works, to work in gold, and in silver, and in brass,
5 akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
And in cutting of stones, to set them, and in carving of timber, to work in all manner of workmanship.
6 Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
And I, behold, I have given with him Aholiab, the son of Ahisamach, of the tribe of Dan: and in the hearts of all that are wise hearted I have put wisdom, that they may make all that I have commanded you;
7 “Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
The tabernacle of the congregation, and the ark of the testimony, and the mercy seat that is thereupon, and all the furniture of the tabernacle,
8 minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,
And the table and his furniture, and the pure candlestick with all his furniture, and the altar of incense,
9 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
And the altar of burnt offering with all his furniture, and the vessel that holds water and his foot,
10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
And the cloths of service, and the holy garments for Aaron the priest, and the garments of his sons, to minister in the priest's office,
11 Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”
And the anointing oil, and sweet incense for the holy place: according to all that I have commanded you shall they do.
12 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the LORD spoke unto Moses, saying,
13 “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
Speak you also unto the children of Israel, saying, Verily my sabbaths all of you shall keep: for it is a sign between me and you throughout your generations; that all of you may know that I am the LORD that does sanctify you.
14 “‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
All of you shall keep the sabbath therefore; for it is holy unto you: every one that defiles it shall surely be put to death: for whosoever does any work therein, that soul shall be cut off from among his people.
15 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
Six days may work be done; but in the seventh is the sabbath of rest, holy to the LORD: whosoever does any work in the sabbath day, he shall surely be put to death.
16 Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan.
Wherefore the children of Israel shall keep the sabbath, to observe the sabbath throughout their generations, for a perpetual covenant.
17 Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’”
It is a sign between me and the children of Israel for ever: for in six days the LORD made heaven and earth, and on the seventh day he rested, and was refreshed.
18 Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.
And he gave unto Moses, when he had made an end of communing with him upon mount Sinai, two tables of testimony, tables of stone, written with the finger of God.

< Baʼuu 31 >