< Baʼuu 10 >

1 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera;
Depois disse o Senhor a Moisés: Entra a faraó, porque tenho agravado o seu coração, e o coração de seus servos, para fazer estes meus sinais no meio dele,
2 kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Waaqayyo taʼe akka beektaniif taʼe.”
E para que contes aos ouvidos de teus filhos, e dos filhos de teus filhos, as coisas que obrei no Egito, e os meus sinais, que tenho feito entre eles: para que saibais que eu sou o Senhor.
3 Musee fi Aroonis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; “Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi.
Assim foram Moisés e Aarão a faraó, e disseram-lhe: Assim diz o Senhor, o Deus dos hebreus: Até quando recusas humilhar-te diante de mim? deixa ir o meu povo, para que me sirva;
4 Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida.
Porque se ainda recusares deixar ir o meu povo, eis que trarei amanhã gafanhotos aos teus termos,
5 Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa.
E cobrirão a face da terra, que a terra não se poderá ver; e eles comerão o resto do que escapou, o que vos ficou da saraiva: também comerão toda a árvore que vos cresce no campo;
6 Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’” Kana booddee Museen garagalee Faraʼoon biraa baʼe.
E encherão as tuas casas, e as casas de todos os teus servos, e as casas de todos os egípcios, quais nunca viram teus pais, nem os pais de teus pais, desde o dia, era que eles foram sobre a terra até ao dia de hoje. E virou-se, e saiu da presença de faraó.
7 Qondaaltonni Faraʼoonis, “Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka Waaqayyo Waaqa isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?” jedhaniin.
E os servos de faraó disseram-lhe: Até quando este nos há de ser por laço? deixa ir os homens, para que sirvam ao Senhor seu Deus: ainda não sabes que o Egito está destruído?
8 Musee fi Aroonin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, “Dhaqaatii Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?” jedheen.
Então Moisés e Aarão foram levados outra vez a faraó, e ele disse-lhes: Ide, servi ao Senhor vosso Deus. quais são os que hão de ir
9 Museenis, “Nu sababii ayyaana Waaqayyoo ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna” jedhee deebise.
E Moisés disse: Havemos de ir com os nossos meninos, e com os nossos velhos; com os nossos filhos, e com as nossas filhas, com as nossas ovelhas, e com os nossos bois havemos de ir; porque festa do Senhor temos.
10 Faraʼoonis akkana jedhe; “Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee Waaqayyo isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira.
Então ele lhes disse: Seja o Senhor assim convosco, como eu vos deixarei ir a vós e a vossos filhos: olhai que há mal diante da vossa face.
11 Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii Waaqayyo waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii.” Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman.
Não será assim: andai agora vós, varões, e servi ao Senhor; pois isso é o que pedistes. E os empuxaram da face de faraó.
12 Waaqayyos Museedhaan, “Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi” jedhe.
Então disse o Senhor a Moisés: Estende a tua mão sobre a terra do Egito pelos gafanhotos, para que venham sobre a terra do Egito, e comam toda a erva da terra, tudo o que deixou a saraiva.
13 Museenis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan Waaqayyo guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe;
Então estendeu Moisés sua vara sobre a terra do Egito, e o Senhor trouxe sobre a terra um vento oriental todo aquele dia e toda aquela noite: e aconteceu que pela manhã o vento oriental trouxe os gafanhotos.
14 hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune.
E vieram os gafanhotos sobre toda a terra do Egito, e assentaram-se sobre todos os termos do Egito; mui graves foram; antes destes nunca houve tais gafanhotos, nem depois deles virão outros tais.
15 Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne.
Porque cobriram a face de toda a terra, de modo que a terra se escureceu; e comeram toda a erva da terra, e todo o fruto das árvores, que deixara a saraiva; e não ficou alguma verdura nas árvores, nem na erva do campo, em toda a terra do Egito.
16 Faraʼoonis dafee Musee fi Aroonin waamee akkana jedheen; “Ani Waaqayyo Waaqa keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera.
Então faraó se apressou a chamar a Moisés e a Aarão, e disse: Pequei contra o Senhor vosso Deus, e contra vós
17 Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis Waaqayyo Waaqa keessan naa kadhadhaa.”
Agora, pois, peço-vos que perdoeis o meu pecado somente desta vez, e que oreis ao Senhor vosso Deus que tire de mim somente esta morte.
18 Museenis Faraʼoon biraa gad baʼee Waaqayyo kadhate.
E saiu da presença de faraó, e orou ao Senhor.
19 Waaqayyos bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne.
Então o Senhor trouxe um vento ocidental fortíssimo, o qual levantou os gafanhotos e os lançou no Mar Vermelho; nem ainda um gafanhoto ficou em todos os termos do Egito.
20 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne.
O Senhor, porém, endureceu o coração de faraó, e não deixou ir os filhos de Israel.
21 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
Então disse o Senhor a Moisés: Estende a tua mão para o céu, e virão trevas sobre a terra do Egito, trevas que se apalpem.
22 Museen harka isaa gara samiitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge.
E Moisés estendeu a sua mão para o céu, e houve trevas espessas em toda a terra do Egito por três dias.
23 Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan.
Não viu um ao outro, e ninguém se levantou do seu lugar por três dias; mas todos os filhos de Israel tinham luz em suas habitações.
24 Faraʼoonis Musee ofitti waamee, “Dhaqaatii Waaqayyo waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa” jedheen.
Então faraó chamou a Moisés, e disse: Ide, servi ao Senhor: somente fiquem vossas ovelhas e vossas vacas: vão também convosco as vossas crianças.
25 Museen garuu akkana jedhe; “Ati akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda.
Moisés, porém, disse: Tu também darás em nossas mãos sacrifícios e holocaustos, que ofereçamos ao Senhor nosso Deus
26 Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. Waaqayyo Waaqa keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti Waaqayyo waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu.”
E também o nosso gado há de ir conosco, nem uma unha ficará; porque daquele havemos de tomar, para servir ao Senhor nosso Deus: porque não sabemos com que havemos de servir ao Senhor, até que cheguemos lá
27 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide.
O Senhor, porém, endureceu o coração de faraó, e não os quis deixar ir.
28 Faraʼoonis Museedhaan, “Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!” jedhe.
E disse-lhe faraó: vai-te de mim, guarda-te que não mais vejas o meu rosto: porque no dia em que vires o meu rosto, morrerás.
29 Museenis deebisee, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu” jedhe.
E disse Moisés: Bem disseste; eu nunca mais verei o teu rosto.

< Baʼuu 10 >