< 2 Mootota 24 >

1 Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile.
In his days Nebuchadnezzar king of Babylon came up, and Jehoiakim became his servant three years: then he turned and rebelled against him.
2 Waaqayyos saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii Waaqayyoo kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge.
And the LORD sent against him bands of the Chaldees, and bands of the Syrians, and bands of the Moabites, and bands of the children of Ammon, and sent them against Judah to destroy it, according to the word of the LORD, which he spoke by his servants the prophets.
3 Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja Waaqayyootti Yihuudaatti dhufe;
Surely at the commandment of the LORD came this upon Judah, to remove them out of his sight, for the sins of Manasseh, according to all that he did;
4 akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef Waaqayyo dhiisuufii hin barbaanne.
And also for the innocent blood that he shed: for he filled Jerusalem with innocent blood; which the LORD would not pardon.
5 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Jehoiakim, and all that he did, are they not written in the book of the chronicles of the kings of Judah?
6 Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
So Jehoiakim slept with his fathers: and Jehoiachin his son reigned in his position.
7 Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane.
And the king of Egypt came not again any more out of his land: for the king of Babylon had taken from the river of Egypt unto the river Euphrates all that pertained to the king of Egypt.
8 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti.
Jehoiachin was eighteen years old when he began to reign, and he reigned in Jerusalem three months. And his mother's name was Nehushta, the daughter of Elnathan of Jerusalem.
9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
And he did that which was evil in the sight of the LORD, according to all that his father had done.
10 Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan;
At that time the servants of Nebuchadnezzar king of Babylon came up against Jerusalem, and the city was besieged.
11 utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe.
And Nebuchadnezzar king of Babylon came against the city, and his servants did besiege it.
12 Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan. Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate.
And Jehoiachin the king of Judah went out to the king of Babylon, he, and his mother, and his servants, and his princes, and his officers: and the king of Babylon took him in the eighth year of his reign.
13 Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse.
And he carried out thence all the treasures of the house of the LORD, and the treasures of the king's house, and cut in pieces all the vessels of gold which Solomon king of Israel had made in the temple of the LORD, as the LORD had said.
14 Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe.
And he carried away all Jerusalem, and all the princes, and all the mighty men of valour, even ten thousand captives, and all the craftsmen and smiths: none remained, save the poorest sort of the people of the land.
15 Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse.
And he carried away Jehoiachin to Babylon, and the king's mother, and the king's wives, and his officers, and the mighty of the land, those carried he into captivity from Jerusalem to Babylon.
16 Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan.
And all the men of might, even seven thousand, and craftsmen and smiths a thousand, all that were strong and able for war, even them the king of Babylon brought captive to Babylon.
17 Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.
And the king of Babylon made Mattaniah his father's brother king in his position, and changed his name to Zedekiah.
18 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte.
Zedekiah was twenty and one years old when he began to reign, and he reigned eleven years in Jerusalem. And his mother's name was Hamutal, the daughter of Jeremiah of Libnah.
19 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete.
And he did that which was evil in the sight of the LORD, according to all that Jehoiakim had done.
20 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
For through the anger of the LORD it came to pass in Jerusalem and Judah, until he had cast them out from his presence, that Zedekiah rebelled against the king of Babylon.

< 2 Mootota 24 >