< 2 Qorontos 9 >

1 Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu.
Now, concerning the ministry that is done toward the saints, it is not necessary for me to write to you.
2 Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, “Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru” jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera.
For I know your willing mind. I glory about you, concerning this, to the Macedonians. For Achaia has also been prepared, for the past year. And your example has inspired very many others.
3 Egaa ani akkuman “Isaan qophaaʼaniiru” jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera.
Now I have sent the brothers, so that what we glory about concerning you might not be empty in this matter, in order that (as I have explained) you may be prepared.
4 Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna.
Otherwise, if the Macedonians arrive with me and find you unprepared, we (not to mention you) would be ashamed in this matter.
5 Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama.
Therefore, I considered it necessary to ask the brothers to go to you in advance and to prepare this blessing as promised, and in this way, you may be ready as a blessing, not as an excess.
6 Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata.
But I say this: Whoever sows sparingly will also reap sparingly. And whoever sows with blessings shall also reap from blessings:
7 Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
each one giving, just as he has determined in his heart, neither out of sadness, nor out of obligation. For God loves a cheerful giver.
8 Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
And God is able to make every grace abound in you, so that, always having what you need in all things, you may abound unto every good work,
9 Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha. (aiōn g165)
just as it was written: “He has distributed widely, he has given to the poor; his justice remains from age to age.” (aiōn g165)
10 Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.
And he who ministers seed to the sower will offer you bread to eat, and will multiply your seed, and will increase the growth of the fruits of your justice.
11 Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida.
So then, having been enriched in all things, you may abound in all simplicity, which works thanksgiving to God through us.
12 Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa.
For the ministration of this office not only supplies whatever the saints need, but also abounds through many thanksgivings in the Lord.
13 Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu.
And so, through the evidence of this ministry, you glorify God by the obedience of your confession in the Gospel of Christ, and by the simplicity of your communion with them and with everyone,
14 Isaanis kadhannaa isiniif kadhatan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Waaqni isinii kenne sanaatiif isin yaadu.
and they offer prayers for you, being solicitous about you, because of the excellent grace of God within you.
15 Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!
Thanks be to God for his ineffable gift.

< 2 Qorontos 9 >