< 2 Seenaa 6 >

1 Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera; 2 ani mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.” 3 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise. 4 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii; 5 ‘Ani gaafan saba koo Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne, yookaan akka inni bulchaa saba koo Israaʼel taʼuuf nama tokko illee hin filanne. 6 Amma garuu akka maqaan koo achi jiraatuuf Yerusaalemin filadheera; akka inni saba koo Israaʼelin bulchuufis Daawitin filadheera.’ 7 “Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture. 8 Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha. 9 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee, isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’ 10 “Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera. 11 Anis achi keessa taabota kaaʼeera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni saba Israaʼel wajjin galetu jira.” 12 Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise. 13 Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise. 14 Akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda. 15 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta. 16 “Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, akkuma seera kootti fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif. 17 Kanaafuu amma yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, dubbiin ati garbicha kee Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu. 18 “Garuu dhugumaan Waaqni nama wajjin lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatuu ree! 19 Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi. 20 Iji kees halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa gara iddoo ati akka Maqaa kee achi kaaʼattu dubbatte sanaa haa ilaalu. Kadhannaa garbichi kee gara iddoo kanaatti fuula deebifatee kadhatu illee dhagaʼi. 21 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi. 22 “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti, fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate, 23 ati samii irraa dhagaʼiitii garboota kee gidduutti tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni. 24 “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti si duratti kadhatee si waammatutti, 25 samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi. 26 “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan, 27 ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee, saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi. 28 “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinonni isaan marsanitti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti, 29 yoo sabni kee Israaʼel rakkinaa fi dhukkubbii ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse, 30 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni; 31 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaatanii karaa kee irra ni deemu. 32 “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa kee guddichaaf, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaatiif jedhee biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate, 33 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif. 34 “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee si kadhate, 35 ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu. 36 “Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita; 37 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan, 38 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan, 39 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi. 40 “Ammas yaa Waaqa koo kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatu iji kee haa argu; gurri kees haa dhagaʼu. 41 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, 42 Yaa Waaqayyo, Gooftaa, ati dibamaa kee hin gatin;

< 2 Seenaa 6 >