< 1 Saamuʼeel 2 >

1 Haannaanis akkana jettee kadhatte: “Garaan koo Waaqayyotti ni gammada; gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama. Afaan koos diinota koo irratti of jaja; ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.
Hana aliomba akasema, “moyo wangu wamtukuza BWANA. Pembe yangu imejulikana katika BWANA. Kinywa changu kinatamba dhidi ya maadui zangu, kwa kuwa naufurahia wokovu wako.
2 “Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
Hakuna aliye mtakatifu kama BWANA, kwa kuwa hakuna mwingine zaidi yako; hakuna mwamba kama Mungu wetu.
3 “Of jajuudhaan hin dubbatinaa; yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii; hojiiwwanis isaan madaalamu.
Msijivune sana hivyo kwa kiburi; vinywa vyenu visitoke majivuno. Kwa kuwa BWANA ni Mungu wa maarifa; yeye huyapima matendo kwa mizani.
4 “Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru; namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.
Pinde za mashujaa zimevunjika, bali wale wanaojikwaa hujivika nguvu kama mshipi.
5 Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru; warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan. Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse; isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.
Wale walio na shibe ya kutosha wamejikodisha ili wapate chakula; wale waliokuwa na njaa hawana njaa tena. Hata yule aliye kuwa tasa amezaa watoto saba, bali mwanamke mwenye watoto wengi amenyong'onyea.
6 “Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas; siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa. (Sheol h7585)
BWANA huua na huuisha. Hushusha kuzimu na huleta tena juu. (Sheol h7585)
7 Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas; ni salphisa; ni ulfeessas.
BWANA humfanya maskini, na yeye ndiye humtajirisha mtu. Yeye hudhili, lakini pia hukweza
8 Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.
Yeye humwinua juu maskini toka mavumbini: Huwainua wahitaji toka jalalani na kuwaketisha pamoja na wakuu na kuwarithisha kiti cha enzi cha utukufu. Kwa kuwa nguzo za dunia ni za BWANA na ameukalisha ulimwengu juu yake.
9 Inni miilla qulqulloota isaa ni eega; namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu. “Namni jabina isaatiin hin moʼatu;
Yeye atazilinda nyayo za watu wake waaminifu, bali waovu watanyamazishwa gizani, kwa maana hakuna atayeshinda kwa nguvu zake.
10 warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu. Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa. Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa. “Inni mootii isaatiif jabina ni kenna; gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.”
Wale wampingao BWANA watavunjwa vipande vipande; atawapiga radi kutokea mbinguni. BWANA atahukumu miisho ya dunia; atampa nguvu mfalme wake na kuinua pembe ya mtiwa mafuta wake.”
11 Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula Waaqayyoo dura tajaajilaa ture.
Nndipo Elikana akenda Rama, nyumbani kwake. Na yule mtoto akamtumikia BWANA machoni pa Eli, kuhani.
12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Waaqayyonis hin sodaatan ture.
Basi, watoto wa Eli walikuwa wakorofi. Wao hawakumheshimu BWANA.
13 Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee
Desturi ya makuhani na watu ilikuwa kwamba endapo mtu yeyote ametoa dhabihu, mtumishi wa kuhani angekuja akiwa na uma wa meno matatu mkononi mwake, nyama ilipokuwa inatokoswa.
14 beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan.
Naye angeutia uma huo sufuriani, au birikani au chomboni au chunguni; nyama yote ambayo ingeinuliwa na uma huo ingetwaliwa na kuhani mwenyewe. Ndivyo walivyofanya huko Shilo kwa Waisraeli wote waliokwenda huko.
15 Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture.
Tena, kabla ya kuteketeza mafuta, mtumishi wa kuhani alikuja, na kumwambia aliyekuwa akitoa dhabihu, “Tenga nyama ya kuchoma kwa ajili ya kuhani; kwa sababu hataikubali ile ya kutokosa kutoka kwako, bali tu ile mbichi.”
16 Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture.
Ikiwa mtu atamwambia, “Wachome mafuta kwanza, na kisha uchukue kiasi utakacho.” Ndipo angesema, “Hapana, utanipatia sasa hivi; la sivyo; Nitaichukua kwa lazima.”
17 Cubbuun dargaggootaa kun fuula Waaqayyoo duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.
Dhambi ya vijana hawa ilikuwa mbaya sana mbele za BWANA, kwa sababu waliidharau dhabihu ya BWANA.
18 Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula Waaqayyoo dura ni tajaajila ture.
Lakini Samweli alimtumikia BWANA akiwa mdogo akivaa nguo ya naivera ya kitani.
19 Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte.
Kila mwaka mama yake alimtengenezea kanzu dogo na kumletea, wakati wakija na mmewe kutoa dhabihu ya kila mwaka.
20 Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen Waaqayyoof kennite sanaa Waaqayyo ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan.
Eli aliwabariki Elikana na mke wake na kusema, “BWANA akupatie watoto zaidi kwa mwanamke huyu kwa sababu ya ahadi yake aliyoitoa kwa BWANA.” Baadaye walirudi nyumbani kwao.
21 Waaqayyos Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula Waaqayyoo duratti ni guddate.
BWANA alimsaidia tena Hana, akawa amebeba mimba nyingine. Akazaa watoto watatu wa kiume na wa kike wawili. Wakati huo huo mtoto Samweli akakua akiwa mbele za BWANA.
22 Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe.
Basi Eli alikuwa mzee sana, akayasikia yote ambayo watoto wake walikuwa wakiwafanyia Waisraeli wote, na jinsi walivyotembea na mwanamke aliyekuwa akitumika katika lango la hema ya kukutania.
23 Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu?
Akawaambia, “Kwa nini mnafanya mambo hayo? Kwa maana nasikia matendo yenu maovu kutoka kwa watu hawa wote.”
24 Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba Waaqayyoo keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti.
Sivyo hivyo, watoto wangu, maana hii ninayoisikia siyo taarifa njema. Mnawakosesha watu wa BWANA.
25 Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko Waaqayyotti cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye.
“Kama mtu mmoja akimkosea mwenzake, Mungu atamhukumu; Lakini mtu akimkosea BWANA, ni nani atakayemtetea mtu huyo?” Lakini hawakuitii sauti ya baba yao, sababu BWANA alinuia kuwaua.
26 Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula Waaqayyootii fi fuula namaa duratti surraa argate.
Yule mtoto Samweli aliongezeka umri, na kupata kibali kwa BWANA na kwa watu pia.
27 Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee?
Kisha mtu wa Mungu akamwendea Eli na kumwambia, “BWANA asema, 'Je, sikujifunua mwenyewe kwa nyumba ya baba zako, walipokuwa Misri utumwani nyumbani mwa Farao?
28 Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera.
Mimi nilimchagua yeye kutoka makabila yote ya Israeli awe kuhani wangu, apande madhabahuni kwangu, na kufukiza uvumba, na kuvaa kanzu ya naivera mbele yangu. Niliwapa nyumba ya baba zako dhabihu zote za wana wa Israeli zilizotolewa kwa moto.
29 Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’
Kwanini basi, unaidharau dhabihu yangu na sadaka ambazo ninazitaka mahali ninapoishi? Kwanini unawaheshimu watoto wako kuliko mimi, kwa kujinenepesha ninyi wenyewe kwa uzuri wa kila sadaka ya watu wangu Israeli?'
30 “Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu.
Maana, BWANA, Mungu wa Isareli, asema, niliahidi kwamba nyumba yako, na nyumba ya baba yako, yawapasa kwenda mbele zangu milele,' Lakini sasa BWANA asema. 'Mambo haya yapishe mbali. nami nisifanye hivi, maana nitawaheshimu wanaoniheshimu, bali wanaonidharau mimi hawatakuwa na thamani.
31 Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa;
Tazama, siku zinakuja nitakapoondoa nguvu zako na nguvu za nyumba za baba yako, ili kwamba pasije kuwepo mtu mzee katika nyumba yako.
32 iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu.
Nawe utalitazama hangaiko katika makao yangu. Ingawa Israeli watapewa jambo jema, hapatakuwapo tena mtu yeyote mzee katika nyumba yako.
33 Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu.
Yeyote miongoni mwenu nisiye mwondoa kutoka madhabahuni pangu, Nitasababisha macho yenu yaanguke, na ita nitasababisha huzuni maishani mwenu. Wanaume wote waliozaliwa katika familia yako watakufa.
34 “‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu.
Hii ndiyo itakuwa ishara kwako ambayo itawaijia watoto wako wakiume wawili, juu ya Hofni na Finehasi: Wote wawili watakufa siku moja.
35 Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila.
Nami nitamwinua juu kuhani wangu mwaminifu atakaye fanya kile kilichomo moyoni mwangu na nafisini mwangu. Nami nitamjengea nyumba madhubuti; naye atakwenda mbele ya mfalme wangu mbarikiwa milele.
36 Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’”
Kila mmoja aliyebakia nyumbani mwako atakuja na kusujudu mbele ya mtu huyo, akiomba kipande cha fedha na mkate mmoja, naye atasema, “Tafadhali uniajiri katika moja ya nafasi za kuhani ili niweze kula kipande cha mkate'”'

< 1 Saamuʼeel 2 >