< 1 Saamuʼeel 10 >

1 Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf Waaqayyo si hin dibnee?
Then Samuel took the vial of oil and poured it on his head, then kissed him and said, “Hasn’t the LORD anointed you to be prince over his inheritance?
2 Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Beniyaam keessatti awwaala Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, “Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?” jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu.
When you have departed from me today, then you will find two men by Rachel’s tomb, on the border of Benjamin at Zelzah. They will tell you, ‘The donkeys which you went to look for have been found; and behold, your father has stopped caring about the donkeys and is anxious for you, saying, “What shall I do for my son?”’
3 “Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Waaqaa, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu.
“Then you will go on forward from there, and you will come to the oak of Tabor. Three men will meet you there going up to God to Bethel: one carrying three young goats, and another carrying three loaves of bread, and another carrying a container of wine.
4 Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta.
They will greet you and give you two loaves of bread, which you shall receive from their hand.
5 “Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Waaqaa ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen raajotaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu.
“After that you will come to the hill of God, where the garrison of the Philistines is; and it will happen, when you have come there to the city, that you will meet a band of prophets coming down from the high place with a lute, a tambourine, a pipe, and a harp before them; and they will be prophesying.
6 Hafuurri Waaqayyoo humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata.
Then the LORD’s Spirit will come mightily on you, then you will prophesy with them and will be turned into another man.
7 Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Waaqni si wajjin jiraatii.
Let it be, when these signs have come to you, that you do what is appropriate for the occasion; for God is with you.
8 “Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda.”
“Go down ahead of me to Gilgal; and behold, I will come down to you to offer burnt offerings and to sacrifice sacrifices of peace offerings. Wait seven days, until I come to you and show you what you are to do.”
9 Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Waaqni Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman.
It was so, that when he had turned his back to go from Samuel, God gave him another heart; and all those signs happened that day.
10 Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen raajotaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Waaqaas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate.
When they came there to the hill, behold, a band of prophets met him; and the Spirit of God came mightily on him, and he prophesied among them.
11 Warri duraan isa beekan hundi yeroo raajota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, “Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhanii wal gagaafatan.
When all who knew him before saw that, behold, he prophesied with the prophets, then the people said to one another, “What is this that has come to the son of Kish? Is Saul also among the prophets?”
12 Namichi achi jiraatu tokkos, “Abbaan isaanii eenyu?” jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, “Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhu sun mammaaksa taʼe.
One from the same place answered, “Who is their father?” Therefore it became a proverb, “Is Saul also among the prophets?”
13 Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe.
When he had finished prophesying, he came to the high place.
14 Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Isin eessa dhaqxan?” jedhee gaafate. Saaʼolis, “Harroota barbaacha deemne; garuu yommuu deebinetti Saamuʼeel bira dhaqne” jedhee deebise.
Saul’s uncle said to him and to his servant, “Where did you go?” He said, “To seek the donkeys. When we saw that they were not found, we came to Samuel.”
15 Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, “Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi” jedhe.
Saul’s uncle said, “Please tell me what Samuel said to you.”
16 Saaʼolis deebisee, “Inni akka harroonni argaman nutti himeera” jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne.
Saul said to his uncle, “He told us plainly that the donkeys were found.” But concerning the matter of the kingdom, of which Samuel spoke, he didn’t tell him.
17 Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti walitti waamee
Samuel called the people together to the LORD to Mizpah;
18 akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’
and he said to the children of Israel, “The LORD, the God of Israel, says ‘I brought Israel up out of Egypt and I delivered you out of the hand of the Egyptians, and out of the hand of all the kingdoms that oppressed you.’
19 Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula Waaqayyoo duratti of dhiʼeessaa.”
But you have today rejected your God, who himself saves you out of all your calamities and your distresses; and you have said to him, ‘No! Set a king over us!’ Now therefore present yourselves before the LORD by your tribes and by your thousands.”
20 Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Beniyaam ni filatame.
So Samuel brought all the tribes of Israel near, and the tribe of Benjamin was chosen.
21 Ergasiis inni gosa Beniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne.
He brought the tribe of Benjamin near by their families and the family of the Matrites was chosen. Then Saul the son of Kish was chosen; but when they looked for him, he could not be found.
22 Kanaaf namoonni, “Namichi dhufee jiraa?” jedhanii ammas Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Eeyyee; garuu inni miʼa keessa dhokatee jira” jedhe.
Therefore they asked of the LORD further, “Is there yet a man to come here?” The LORD answered, “Behold, he has hidden himself among the baggage.”
23 Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
They ran and got him there. When he stood among the people, he was higher than any of the people from his shoulders and upward.
24 Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha Waaqayyo isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe. Namoonnis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
Samuel said to all the people, “Do you see him whom the LORD has chosen, that there is no one like him among all the people?” All the people shouted and said, “Long live the king!”
25 Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula Waaqayyoo dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
Then Samuel told the people the regulations of the kingdom, and wrote it in a book and laid it up before the LORD. Samuel sent all the people away, every man to his house.
26 Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman.
Saul also went to his house in Gibeah; and the army went with him, whose hearts God had touched.
27 Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.
But certain worthless fellows said, “How could this man save us?” They despised him, and brought him no tribute. But he held his peace.

< 1 Saamuʼeel 10 >