< 1 Mootota 22 >

1 Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre. 2 Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe. 3 Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe. 4 Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koo akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee mooticha Israaʼeliif deebise. 5 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe. 6 Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Gooftaan dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif. 7 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. 8 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen. 9 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen. 10 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan. 11 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse. 12 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan. 13 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen. 14 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe. 15 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Miikiyaasis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee ni kennaatii waraanii moʼadhu” jedhee deebise. 16 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen. 17 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’” 18 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe. 19 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge. 20 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha. 21 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. 22 “Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. 23 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.” 24 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate. 25 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef. 26 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, 27 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.” 28 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe. 29 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan. 30 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene. 31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje. 32 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti, 33 ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan. 34 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe. 35 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe. 36 Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame. 37 Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan. 38 Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban. 39 Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 40 Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. 41 Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe. 42 Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. 43 Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan. 44 Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture. 45 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 46 Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse. 47 Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture. 48 Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye. 49 Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide. 50 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe. 51 Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche. 52 Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 53 Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.

< 1 Mootota 22 >