< 1 Mootota 20 >

1 Yeroo kanatti Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota ofii isaa guutuu walitti qabate. Mootonni soddomii lama kanneen fardeenii fi gaariiwwan qabanis isa wajjin turan. Innis dhaqee Samaariyaa marsee lole.
Ben Hadad king of Aram gathered all his army together. There were thirty-two lesser kings with him, and horses and chariots. He went up, besieged Samaria and fought against it.
2 Innis akkana jedhee gara magaalaa Ahaab mooticha Israaʼelitti ergamoota erge; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha;
He sent messengers into the city to Ahab king of Israel, and said to him, “Ben Hadad says this:
3 ‘Meetiin keetii fi warqeen kee kanuma koo ti; niitonni keetii fi ijoolleen kee babbareedoonis kanuma koo ti.’”
'Your silver and your gold are mine. Also your wives and children, the best ones, are now mine.'”
4 Mootiin Israaʼel immoo, “Yaa gooftaa koo mooticha, akkuma ati jette sana anii fi wanni ani qabu hundi keetuma” jedhee deebiseef.
The king of Israel answered and said, “It is as you say, my master, king. I and all that I have are yours.”
5 Ergamoonni sun ammas dhufanii akkana jedhaniin; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha; ‘Ani akka ati meetii fi warqee kee, niitotaa fi ijoollee kee naaf kennituuf ergaa sitti ergeera.
The messengers came again and said, “Ben Hadad says this, 'I sent word to you saying that you must give me your silver, your gold, your wives, and your children.
6 Garuu ani bor yoona masaraa mootummaa keetiitii fi manneen qondaaltota keetii soquuf qondaaltota koo nan erga. Isaanis waan ati jaallattu hunda fudhatanii deemu.’”
But I will send my servants to you tomorrow about this time, and they will search your house and your servants' houses. They will seize with their own hands and take away whatever pleases their eyes.'”
7 Mootichi Israaʼel immoo maanguddoota biyya sanaa hunda walitti waamee akkana jedheen; “Akka namichi kun rakkina uumuu barbaadu mee isinuu ilaalaa! Yeroo inni niitotaa fi ijoollee koo, meetii fi warqee koo fudhachuuf nama ergetti ani hin dhowwanne.”
Then the king of Israel called all the elders of the land together and said, “Please take note and see how this man seeks trouble. He has sent word to me in order to take my wives, children, and silver and gold, and I have not refused him.”
8 Maanguddoonnii fi namoonni hundinuu, “Ati dubbii isaa hin dhagaʼin yookaan waan inni barbaadu tole hin jedhin” jedhaniin.
All the elders and all the people said to Ahab, “Do not listen to him or consent to his demands.”
9 Kanaafuu inni, “‘Garbichi kee waan ati jalqabatti ajajje hunda ni guuta; ani garuu waan ati amma gaafatte kana gochuu hin dandaʼu’ jedhaatii gooftaa koo mootichatti himaa” jedhee ergamoota Ben-Hadaadiif deebii kenne. Isaanis kaʼanii deebii sana fuudhanii Ben-Hadaaditti geessan.
So Ahab said to the messengers of Ben Hadad, “Tell my master the king, 'I agree to everything that you sent your servant to do the first time, but I cannot accept this second demand.'” So the messengers left and took this response to Ben Hadad.
10 Ben-Hadaad immoo, “Yoo biyyoon Samaariyaa namoota koo warra na duukaa buʼan konyee tokko tokko illee wal gaʼe, waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jedhee ergaa biraa Ahaabitti erge.
Then Ben Hadad sent his reply to Ahab, and said, “May the gods do so to me and more also, if even the ashes of Samaria will be enough for all the people who follow me to have a handful each.”
11 Mootiin Israaʼelis, “‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima” jedhee deebise.
The king of Israel answered and said, “Tell Ben Hadad, 'No one who is just putting on his armor, should boast as if he were taking it off.'”
12 Ben-Hadaadis utuma mootota wajjin dunkaana keessatti waa dhugaa jiruu ergaa kana dhagaʼee, “Isin lolaaf qophaaʼaa” jedhee namoota ofii isaa ajaje. Kanaafuu isaan magaalaa sana dhaʼuuf qophaaʼan.
Ben Hadad heard this message as he was drinking, he and the kings under him who were in their tents. Ben Hadad commanded his men, “Line yourselves up in position for battle.” So they prepared themselves in position of battle to attack the city.
13 Yeroo kanatti raajiin tokko gara Ahaab mooticha Israaʼel dhufee, “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati loltoota akka malee baayʼatan kana argitaa? Ani harʼa dabarsee harka keetti isaan nan kenna; atis ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta’” jedhe.
Then behold, a prophet came to Ahab king of Israel and said, “Yahweh says, 'Have you seen this great army? Look, I will place it into your hand today, and you will know that I am Yahweh.'”
14 Ahaab garuu, “Eenyutu waan kana hojjeta?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanitu waan kana hojjeta’” jedhee deebiseef. Innis, “Eenyutu lola jalqaba?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Situ jalqaba” jedhee deebiseef.
Ahab replied, “By whom?” Yahweh replied and said, “By the young officers who serve the governors of the districts.” Then Ahab said, “Who will begin the battle?” Yahweh answered, “You.”
15 Kanaafuu Ahaab tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan dhibba lamaa fi soddomii lama walitti waame. Ergasiis Israaʼeloota hafan keessaa walumaa galatti namoota kuma torba walitti qabe.
Then Ahab mustered the young officers who served the governors of the districts. They numbered 232. After them he mustered all the soldiers, all the army of Israel; seven thousand in number.
16 Isaanis utuma Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lama kanneen isa tumsan dunkaana keessatti dhuganii machaaʼaa jiranuu guyyaa saafaadhaan itti qajeelan.
They went out at noon. Ben Hadad had been drinking himself drunk in his tent, he and the thirty-two lesser kings who were supporting him.
17 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanis jalqabatti gad baʼan. Ben-Hadaadis gaaddota ergee ture; isaanis deebiʼanii, “Namoonni muraasni Samaariyaadhaa baʼanii dhufuutti jiru” jedhanii isatti himan.
The young officers who served the governors of the districts went forward first. Then Ben Hadad was informed by scouts that he had sent out, “Men are coming out from Samaria.”
18 Inni immoo, “Yoo isaan nagaaf dhufan utuma isaan lubbuun jiranuu isaan qabaa; yoo isaan lolaaf dhufanis akkasuma utuma isaan lubbuun jiranuu qabaa” jedhe.
Ben Hadad said, “Whether they have come out for peace or war, take them alive.”
19 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan sunis loltoota dura buʼanii magaalaa sanaa baʼan;
So the young officers who served the governors of the districts went out of the city and the army followed them.
20 tokkoon tokkoon isaaniis diina isaanii dhaʼanii ajjeesan. Kana irratti warri Sooriyaa ni baqatan; Israaʼeloonni immoo isaan ariʼan. Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa garuu farda yaabbatee abbootii fardaa wajjin baqatee jalaa baʼe.
Each man killed his opponent. The Arameans fled and Israel pursued them. Ben Hadad the king of Aram escaped on a horse along with some horsemen.
21 Mootiin Israaʼel ittuma fufee abbootii fardaatii fi gaariiwwanii lolee moʼachuudhaan warra Sooriyaa akka malee miidhe.
Then the king of Israel went out and attacked the horses and chariots, and killed the Arameans in a great slaughter.
22 Ergasii raajiin sun gara mooticha Israaʼel dhufee, “Of jabeessi; waan gochuu qabdus sirriitti hubadhu; mootiin Sooriyaa bara dhufu keessa deebiʼee si lolaatii” jedhe.
So the prophet came to the king of Israel and said to him, “Go, strengthen yourself, and understand and plan what you are doing, because at the return of the year the king of Aram will come up against you again.”
23 Yeroo kanatti qondaaltonni mootii Sooriyaa akkana jedhanii isa gorsan; “Waaqonni isaanii waaqota gaarranii ti. Sababiin isaan akka malee nutti jabaataniif kana. Nu yoo lafa diriiraa irratti isaan lolle garuu dhugumaan isaan caalaa jabaanna.
The servants of the king of Aram said to him, “Their god is a god of the hills. That is why they were stronger than we were. But now let us fight against them in the plain, and surely we will be stronger than they are.
24 Ati amma waan kana godhi: Mootota hunda aangoo isaanii irraa ariʼiitii iddoo isaanii ajajjoota kaan buusi.
So you must do this: Remove all the kings from their positions of authority and replace them with military commanders.
25 Akkasumas loltoota akka loltoota kee kanneen dhuman sanaa jechuunis qooda fardaa farda, qooda gaarii immoo gaarii qopheessi. Akkasiin nu dirree irratti Israaʼelin loluu dandeenya; isaan caalaas ni jabaanna.” Innis dubbii isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan sana godhe.
Raise up an army like the army you lost—horse for horse and chariot for chariot—so we can fight them in the plain. Then surely we will be stronger than they are.” So Ben Hadad listened to their advice and did what they advised.
26 Bara itti aanu keessa Ben-Hadaad namoota Sooriyaa walitti qabatee Israaʼelin loluuf Afeeqitti ol baʼe.
After the beginning of the new year, Ben Hadad mustered the Arameans and went up to Aphek to fight against Israel.
27 Israaʼeloonnis walitti qabamanii waan nyaatan qabatanii jaratti duulan. Israaʼeloonni akkuma bushaayee karra xixinnaa lamaatti fuullee isaanii qubatan; warri Sooriyaa garuu baadiyyaa keessa guutan.
The people of Israel were mustered and supplied to fight against them. The people of Israel camped before them like two little flocks of goats, but the Arameans filled the countryside.
28 Namni Waaqaa sunis dhufee mootii Israaʼeliin akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Sababii warri Sooriyaa Waaqayyo Waaqa gaarraniiti malee Waaqa sululootaa miti jedhaniif, ani tuuta akka malee guddaa kana hunda dabarsee harka keetti nan kenna; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
Then a man of God came near and spoke to the king of Israel and said, “Yahweh says: 'Because the Arameans have said that Yahweh is a god of the hills, but he is not a god of the valleys, I will place this great army into your hand, and you will know that I am Yahweh.'”
29 Isaanis bultii torbaaf fuullee walii qubatanii, bultii torbaffaatti waraanni jalqabame. Israaʼeloonnis guyyuma tokkotti warra Sooriyaa keessaa loltoota lafoo kuma dhibba tokko ajjeesan.
So the armies camped opposite each other for seven days. Then on the seventh day the battle started. The people of Israel killed 100,000 Aramean footmen in one day.
30 Warri hafan kaan magaalaa Afeeqitti baqatanii achittis nama kuma digdamii torba irratti dallaan dhagaa jige. Ben-Hadaad immoo magaalaa sanatti baqatee kutaa mana tokkoo kan gara keessaa keessatti dhokate.
The rest fled to Aphek, into the city, and the wall fell on twenty-seven thousand men who were left. Ben Hadad fled and went into the city, into an inner room.
31 Qondaaltonni isaas akkana jedhaniin; “Ilaa, nu akka mootonni mana Israaʼel mootota nama maaran taʼan dhageenyeerra. Mee kottaa nu mudhii keenyatti uffata gaddaa hidhannee, mataa keenyatti immoo funyoo marannee mootii Israaʼel bira haa dhaqnu. Inni lubbuu kee ni oolcha taʼaatii.”
Ben Hadad's servants said to him, “Look now, we have heard that the kings of the house of Israel are merciful kings. Please let us put sackcloth around our waists and ropes around our heads, and go out to the king of Israel. Perhaps he will spare your life.”
32 Kanaafuu isaan mudhii isaaniitti uffata gaddaa hidhatanii, mataa isaaniitti funyoo maratanii mootii Israaʼel bira dhaqanii, “Garbichi kee Ben-Hadaad, ‘Maaloo lubbuu koo naa oolchi’ siin jedha” jedhaniin. Mootichi immoo, “Inni hamma ammaattuu lubbuun jiraa? Inni obboleessa koo ti” jedhee deebise.
So they put sackcloth on their waists and ropes around their heads and then went to the king of Israel and said, “Your servant Ben Hadad said, 'Please let me live.'” Ahab said, “Is he still alive? He is my brother.”
33 Namoonni sunis waan kana akka mallattoo gaariitti fudhatanii dubbii isaa dafanii qabatanii “Eeyyee, Ben-Hadaad obboleessa kee ti!” jedhan. Mootichis, “Dhaqaatii isa fidaa” jedhe. Yommuu Ben-Hadaad dhufettis Ahaab akka inni ol baʼee gaarii isaa keessa seenu godhe.
Now the men were listening for any sign from Ahab, so they quickly answered him, “Yes, your brother Ben Hadad is alive.” Then Ahab said, “Go and bring him.” Then Ben Hadad came to him, and Ahab had him come up into his chariot.
34 Ben-Hadaadis akkana jedheen; “Ani magaalaawwan abbaan koo abbaa kee irraa fudhate sana siifin deebisa. Akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti hojjete sana, ati Damaasqoo keessatti lafa gabaa ofii keetii dhaabbachuu dandeessa.” Ahaab immoo, “Ani walii galteedhaan gad si dhiisa” jedheen. Kanaafuu isa wajjin walii galtee godhatee gad isa dhiise.
Ben Hadad said to Ahab, “I will restore to you the cities that my father took from your father, and you may make markets for yourself in Damascus, as my father did in Samaria.” Ahab replied, “I will let you go with this covenant.” So Ahab made a covenant with him and then let him go.
35 Ilmaan raajotaa keessaa tokko ajaja Waaqayyootiin michuu isaa tokkoon, “Maaloo na dhaʼi” jedhe. Namichi sun garuu isa dhaʼuu dide.
A certain man, one of the sons of the prophets, said to one of his fellow prophets by the word of Yahweh, “Please hit me.” But the man refused to hit him.
36 Kanaafuu raajiin sun, “Waan ati dubbii Waaqayyootiif hin ajajamniif akkuma ati na biraa deemtuun leenci si ajjeesa” jedheen. Erga namichi kaʼee deemee booddee leenci dhufee isa argate isa ajjeese.
Then the prophet said to his fellow prophet, “Because you have not obeyed the voice of Yahweh, as soon as you leave me, a lion will kill you.” As soon as that man had left him, a lion came upon him and killed him.
37 Raajiin sun nama biraa argee, “Maaloo na dhaʼi” jedheen. Kanaafuu namichi sun dhaʼee isa madeesse.
Then the prophet found another man and said, “Please hit me.” So the man hit him and wounded him.
38 Ergasii raajiin sun ija haguuggatee eenyummaa isaa dhokfatee dhaqee qarqara karaa dhaabatee mooticha eegaa ture.
Then the prophet left and waited for the king by the road; he had disguised himself with a bandage over his eyes.
39 Utuma mootichi karaa sana darbaa jiruu raajiin sun isa waamee akkana jedheen; “Garbichi kee lola walakkaa seenee jennaan namni tokko nama boojiʼame tokko fidee, ‘Namicha kana eegi. Yoo inni bade lubbuun kee qooda lubbuu isaa baafamti yookaan meetii taalaantii tokkoo baafta’ jedhe.
As the king passed by, the prophet cried out to the king and said, “Your servant went out into the heat of the battle, and a soldier stopped and brought a man to me and said, 'Watch this man. If by any means he goes missing, your life will be given for his life, or you must pay a talent of silver.'
40 Namichi sunis utuu garbichi kee hojiin qabamee asii fi achi fiigaa jiruu bade.” Mootichi Israaʼelis deebisee, “Wanni sitti murtaaʼu sanuma; ati mataan kee iyyuu murteerta” jedheen.
But because your servant was busy going here and there, the man escaped.” Then the king of Israel said to him, “This is what your punishment will be—you yourself have decided it.”
41 Raajiin sunis dafee ija isaa irraa haguuggii gad buufate; mootichi Israaʼelis akka inni raajota keessaa isa tokko taʼe hubate.
Then the prophet quickly removed the bandage from his eyes, and the king of Israel recognized that he was one of the prophets.
42 Innis mootichaan akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati namicha ani akka inni duʼu itti mure gad lakkifteerta. Kanaafuu lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa galaafatama.’”
The prophet said to the king, “Yahweh says, 'Because you have let go from your hand the man whom I had sentenced to death, your life will take the place of his life, and your people for his people.'”
43 Mootichi Israaʼel sunis akka malee aaree dheekkamaa gara masaraa mootummaa isaa kan Samaariyaa keessa jiru sanaa dhaqe.
So the king of Israel went to his house resentful and angry, and arrived in Samaria.

< 1 Mootota 20 >