< 1 Qorontos 2 >

1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne. 2 Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii. 3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe. 4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; 5 kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef. 6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. (aiōn g165) 7 Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. (aiōn g165) 8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. (aiōn g165) 9 Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana, 10 Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora. 11 Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru. 12 Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. 13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. 14 Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu. 15 Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu. 16 “Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.

< 1 Qorontos 2 >