< 1 Qorontos 13 >

1 Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti. 2 Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti. 3 Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. 4 Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. 5 Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. 6 Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. 7 Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata. 8 Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada. 9 Nu beekumsa irraa gara tokko beeknaatii; raajiis gara tokko dubbanna; 10 yommuu inni guutuun dhufutti garuu inni gartokkeen ni bada. 11 Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera. 12 Amma of-ilaalee keessaan bifa dimimmisaaʼaa arginaatii; yeroo sana garuu ifaan ifatti ni argina. Ani amma gartokkon beeka; yeroo sana garuu ani akkuma guutummaatti beekame sana guutummaatti beekuufin jira. 13 Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.

< 1 Qorontos 13 >