< 1 Seenaa 7 >

1 Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan. 2 Ilmaan Toolaa: Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan. 3 Ilma Uzii: Yizrahiyaa. Ilmaan Yizrahiyaa: Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan. 4 Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture. 5 Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000: 6 Ilmaan Beniyaam sadan: Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel. 7 Ilmaan Belaa: Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa. 8 Ilmaan Beker: Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan. 9 Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan. 10 Ilmi Yediiʼeel: Bilihaan. Ilmaan Bilhaanii: Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar. 11 Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture. 12 Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti. 13 Ilmaan Niftaalemii: Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti. 14 Ilmaan Minaasee: Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse. 15 Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture. 16 Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman. 17 Ilmi Uulaam: Bedaan. Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti. 18 Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse. 19 Ilmaan Shemiidaa immoo: Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan. 20 Ilmaan Efreem: Shuutelaa, ilma isaa Bereed, ilma isaa Tahaat, ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat, 21 ilma isaa Zaabaadii, ilma isaa Shuutelaa. Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman. 22 Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan. 23 Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef. 24 Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha. 25 Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa, 26 Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, Eliishaamaa ilma isaa, 27 Nuuni ilma isaatii fi Iyyaasuu ilma isaa. 28 Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture. 29 Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan. 30 Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti. 31 Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii. 32 Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti. 33 Ilmaan Yaafleex: Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati. Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti. 34 Ilmaan Shemeer: Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam. 35 Ilmaan obboleessa isaa Heelem: Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal. 36 Ilmaan Zoofaa: Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa, 37 Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa. 38 Ilmaan Yeteer: Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa. 39 Ilmaan Ulaa: Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa. 40 Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.

< 1 Seenaa 7 >